39 Fed'iini nama na erge tana, aka nama inni naa kenne tokole imballeesine, ammo guyya muumme kaasu.
Haga anini worra woliini jiru, maqa kanke ka atini naa kennite suniini, anini yayu worra qorqorad'e. Ani layu worra tisse, tokoleeni imbanne, ilma badi suni male, aka t'aafiini guutamtu.
Wonti Aabbooni fed'u tana: aka worri Ilma arge d'ugefatu ch'ufti jireenna hegeri argatu; duuba anini guyya muumme duisa keesaa kaasa.
Wonti inni akana jed'eefi aka dubbini inni duri jed'e, ta Aabbo, jara atini naa kennite keesaa tokole imballeesine jettu guutamtu.
Nami fooni kiyya nyaate d'iiga kiyya d'ugu jireenna hegeri qaba, anini guyya muumme duisa keesaa kaasa.
Nami tokoleeni dandae nati ind'ufu, yo Abbaani na erge nati hirkise male; anini guyya muumme duisa keesaa kaasa.
Nami Aabbooni naa kenne ch'ufti gara kiyya d'ufa, anileeni diqole indidu.
Maqaani kiyya Yuda, hojattu Yeso Kristotiifi oboleesa Yakobo; gara worra Waaqi yaame, ka jaalala Abba Waaqa keesa taufi ka qorqorti Yeso Kristo jala jiruti tatabe tana t'aafa.
Yo Lubbuuni Waaqaa ta Yeso duisa keesaa kaafte isani keesa jiraatte, yoosi ka Yeso duisa keesaa kaase nafa keesanile jireenna inkenna, Lubbuuni isaa ta isani keesa jirtuuni.
Insodaatiina, gumi diqo! Wonti akanatiifi Abbaani keesani Finna isaa isanii kennu fed'a.
Akasuma fed'i Abba keesani ka gubbati, aka ijoolle didiqo tana keesa tokoleeni imbanne.
Isiini teesani, worra maro d'ugefachatiifi jabeenni Waaqa qorqoratu, ato isani baafama amma kurfeesani guyya muumme mullisani eegattanu.
Nami na dide dubbi tiyya imfud'anne, nama iti muru toko qaba. Dubbi anini jed'e suniti guyya muumme wollaala iti mura.
Ammo yayabi Waaqi keyate dandae inchochou; ammalle dubbi tana irati t'aafani: Aabbooni worra isaa ch'ufa fuula beekha; ammalle, Nami nama Waaqa ufiini jed'u hameenna lakisu male jed'ani.
Waan kana himmamiina; guyyaani ind'ufa ka nami awaala keesa jiru ch'ufti qonqo isaa d'agaye
Yo nami si had'e si ijeesu fed'u AABBO Waaqi kanke si qorqorata, akuma nami waan ufi jabeese qorqoratu. Inni akuma nami d'akha gullubaani darbu nyaapa kanke siraa darbe lafa buusa.
Anini nama worra fidu, ka worra qorqoratu, iti tolche, duuba worri deebie woma sodaate imudamu, aninileeni deebie worra ingaargalchu. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
D'uguma, waan anini isaniini jed'u, lafti Sodomafi Gomora guyya mura dira suni iraa goomti!
Atini humna nama ch'ufa ira ya isaa kennite, aka inni nama ch'ufa ka atini isaa kennite jireenna hegeri kennuufi.
Anini maqa kanke nama atini lafa keesa naa kennite ya agarsiise. Worri qara namuma keti, atileeni ya worra naa kennite. Worri dubbi tante la guute,
Anini maro worraatiifi kad'ad'a. Maro nama lafaati inkad'ad'u, ammo nama ati naa kenniteefi kad'ad'a; wonti akanatiifi worri keti.
Ee Aabbo, aka nami atini naa kennite suni fulla anini deemu na woliini tau fed'a, aka guddinna kiyya ka atini naa kennite argani; wonti akanatiifi atini ato lafti inuumamiini na jaalatte.
Waaqi ka Aabbo duisa keesaa kaase, akasuma nule jabeenna ufitiini kaasa.
Kad'achaani tunini, yo d'ugefachaani tolchani, nama suni imfayifti: Aabbooni isa imfayisa, daba inni tolchele inaraaramaniifi.