Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 5:42 - KITAABA WAAQA

42 Ammo anini isani beekha, aka isani jaalala Waaqa garaa keesani keesa inqamne.

Gade chapit la Kopi




Yohana 5:42
17 Referans Kwoze  

Yo nami, Anini Waaqa jaalad'a ufiini jed'e, ammo oboleesa ufi jibbe, inni kiyyiba. Inni dandae Waaqa ka ilaani ingarre injaalatu, eegi oboleesa ufi ka ilaani argu injaalanne.


Yo nami hori lafa tana qabaate ammalle oboleesa isaa ka gaargala qabu arge ammo garaa iti jabaate, inni akamiini, Waaqa jaalad'a ufiini jed'a?


Lafafi waan keesa jira tokole injaalatiina. Yo nami lafa jaalate, jaalalti Abba isa keesa injirtu.


ammalle nama tokole ka waan namaa isati himu imfeene, waan inni waan nama keesa jira ch'ufa beekhufi.


Anini ijoolle isile d'ae fit'a, duuba gumiini ch'ufti aka anini heregafi garaa nama ch'ufa ilaalu baratti. Ammalle anini isanii ch'ufa, huji teesani gula, woi isani kenna.


Tanaafi nami waan nafa heregu nyaapa Waaqaa taha; inni Seera Waaqa inguutu, guutule indandau.


Ammalle maro sadeeso Yesoni waan jed'eeni, Simoni ilma Yohana, Atini naa feeta? Petroni garaa ufi keesati lalefate waan inni maro sadeeso, Atini naa feeta? jed'eefi. Inni waan jed'eeni, Aabbo, atini waan ch'ufa imbeeta, aka anini si fed'u imbeeta. Yesoni waan jed'eeni, Hooliye tiyya nyaachisi.


Isani diqole isa imbeetani, ammo anini isa imbeekha, Yo anini, Isa imbeekhu jed'e, anini aka keesani kiyyiba. Ammo anini isa imbeekha, dubbi isale jabeesa.


Nami Waaqaa dubbi Waaqaa d'agaya, waan kanaafi isani ind'ageenne, waan isani ka Waaqaa intahiiniifi.


Yesoni waan jed'eeni, Yo sila Waaqi Abba keesani tahe, isani na jaalattani; wonti akanatiifi anini gara Waaqaati bahe, yaaduma kiyyaani ind'umne, ammo isati na erge.


Isani akami dandeetani d'ugefattani, ka guddinna wolira argattani, ammalle guddinna Waaqa tokocha iraa d'ufu barbaadu diddani?


Ammo Yesoni waan worraani jed'e, Isani worra nama durati ufi d'ugeesu, ammo Waaqi garaa keesani imbeekha; wonti akanatiifi waan nami waan guddo wo namaa baatu sehu Waaqi woma insehu.


Anini guddinna nama iraa imbarbaadu.


Anini maqa Abba kiyyatiini d'ufe, ammo isani na fud'achu diddani; hojja nami d'ibiini maqa ufiitini d'ufu inuma fud'attani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite