Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 5:24 - KITAABA WAAQA

24 D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nami dubbi tiyya d'agaye ka na erge d'ugefate, jireenna hegeri qaba. Isa wollaala iti imurani, ammo ya duisa keesa bahe jireenna argate.

Gade chapit la Kopi




Yohana 5:24
28 Referans Kwoze  

Nami Ilma d'ugefatu jireenna hegeri qaba; nami Ilma d'ugefachu didu haguma jiru jireennale jireenna inargatu, ammo Waaqi haga jiru jireenna isati dallana.


Nama isa d'ugefatu wollaala iti imurani; ka ind'ugefanne iti murani, waan inni maqa Ilma Waaqa tokocha d'ugefachu dideefi.


Wonti Aabbooni fed'u tana: aka worri Ilma arge d'ugefatu ch'ufti jireenna hegeri argatu; duuba anini guyya muumme duisa keesaa kaasa.


Worra Kristo Yeso keesa jiru qorsumaani inhamneefi.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami d'ugefatu jireenna hegeri qaba.


Wonti akanatiifi Waaqi guddo lafa jaalate, tanaafi Ilma ufi tokocha namaa kenne, aka nami isa d'ugefatu tokoleeni imbanne, ammo jireenna hegeri argatu.


Nami ato jiru na d'ugefatu haguma jiru induu. Atini akasi d'ugefatta?


Ammo haga kana ya t'aafani, aka isani aka Yesoni Kristo Ilma Waaqa d'ugefattani, d'ugefannaani aka maqa isatiini jireenna argattani.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Yo nami dubbi tiyya jabeese, nami suni induu.


Waaqi aka nu dalansu isaatiini gaargalu nu imfohanne, ammo aka baafama maro Aabbo keenna Yeso Kristotiifi argannuufi nu fohate.


Nami aka Yesoni Kristo d'ugefatu ch'ufti ijoolle Waaqa; nami abba jaalatu ch'ufti ilma isale injaalata.


Nami d'ugefate batifamu imbaafama, ammo ka ind'ugefanne wollaala iti murani.


Nu aka dua lakimne jireennati baane beenna; maro oboleyani teenna jaalannuufi waan kana beenna. Nami nama injaalanne duisa keesa jira.


Yesoni qonqo olfud'ate waan jed'e, Nami na d'ugefatu, na ind'ugefatu, ammo ka na erge d'ugefata.


Maro isatiifi isani Waaqa d'ugefattani, ka duisa keesaa isa kaase, guddinna kenneefi; tanaafi d'ugefachaafi abdiini teesanileeni Waaqa ilaalti.


Isiini teesani, worra maro d'ugefachatiifi jabeenni Waaqa qorqoratu, ato isani baafama amma kurfeesani guyya muumme mullisani eegattanu.


Worra kana gara gaargala ind'umanne ergani, worra d'uga gara jireenna ind'umanne ergani.


Nama muru gati baasaniifi, ammalle inni mid'aani jireenna hegeri woltiguura; aka nami oobrufi ka muruleeni woliini gammadu.


Kunini qit'a ka gubbaa gadi d'ufe, ka nami nyaate indoone.


Anini qit'a jireenna ka gubbaa gadi d'ufe. Yo nami qit'a suni nyaate haga hegeri jiraata. Ee, qit'aani anini maro jireenna lafatiifi kennu sunini fooni kiyya.


Kunini qit'a gubbaa gadi d'ufe, ka aka ababooti teesani nyaatte dooteetiiniti. Nami qit'a kana nyaatu haga hegerile induu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite