46 Jennaani Yesoni dira Kana ka Galilayati deebie, fulla inni bisaani iti daad'i tolche. Jaallaba tokoti jira, ka ilmi isaa fayya d'abe, Kapernaumu keesa.
Inni waan worraani jed'e, Isani sila mammaasa kana naani jettani, Ch'ireesa, qara ufi fayyisi. Ammalle, waan atini dira Kapernaumuti tolchite ta nu d'ageenne, armaleti tolchi, lafa tante keesati.