Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 4:22 - KITAABA WAAQA

22 Isani waan imbeenne kad'attani, ammo nu waan beennu kad'anna; wonti akanatiifi baafami gara Yahuditi d'ufa.

Gade chapit la Kopi




Yohana 4:22
20 Referans Kwoze  

Ato anini dedeeme aada kad'acha teesani ilaalu, anini dubbi toko ta fulla isani sorio iti qalattani gubbati t'aafani arge, ta GARA WAAQA NAMI IMBEENNE jettu. Tanaafi waan isani ato imbeenne kad'attani suni anini isaniti odeesa.


waan jettu, koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre, Mana Waaqaa Yakoboo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaani gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, Seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.


aka haga Yerusalemu iti keyatani iraa deebitifi araarama daba maqa isatiini gosa ch'ufati odeesu malani.


Haga nami isa imbeenne kana ch'ufa Waaqi ya bira namaa dabre, ammo ammatana aka nami ch'ufti daba iraa deebiu fed'a.


Inni dubbi ufi gumi isaati erge barsiisa isaatiifi seera isaa worra Israelitii kenna.


Aka inni gosa Yuda guddo beekhani; Musaleeni gosa tana maqa ind'oomne, gaafa inni waan qaalole dubbate.


Gammada, qilit'ama, worra Sioni! Gammada, lalaba, worra Yerusalemu! Laala, hayyuuni keesani isaniti d'ufuu jira! Inni ka waan ch'ufa dabsate irre guddo qabuti d'ufa, ammo inni ufi insaadu, harre yaabata — bukhura harreeni d'altuni d'alte gubba taa.


Waaqi keenna Waaqa nama baasu; inni AABBO, Aabbo keenna, ka duisa keesaa nu baasu.


Anini guyya dabsacha ya gad'ieese. Guyyaani sunini fago injiru. Baafami kiyya inturu. Anini Yerusalemu baase, achiti worra Israeli gurra iti tolcha.


AABBO Waaqi ya na baase, anini isa d'ugeefad'e woma insodaad'u inni irree jabeenna naa kenne, naa baase.


Ororooni inni namaani fidu harkaa imbuutu, lichooni hayyumaa worra isaa keesaa imbaatu, haga abbaani damoosa baasanifi d'ufe isa durati gajed'ani saalfatanifiiti.


Gara Zerubabelifi jara balbala gosati mataa d'aqani waan jed'aniini, koota, takaa taane, mana kana woliini jaara. Nu Waaqa takaa kad'anna, ammalle haguma duri Esar-Hadonini, hayyuuni Ashuru, armaani nu d'ufe, nu sorio Waaqa suni baasu jira.


Nami Sioni keesa tahu ch'ufti ha lalabe, gammadaani isa faarsu! Waaqi, qulqullooni Israeli, gudda, inni gumi isaa keesa taha.


Tanaafi Waaqi isa fohate, Hojattu ufi qara isaniti erge, aka isani eebise kara keesani hama ira isani gorsu.


Tanaafi amma worra aka damele ch'absani intufatiina. Akamiini ufi guddiftani? Isani akuma damele jirtani; hidda inqabdani, hiddati isani qaba male.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite