Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 3:35 - KITAABA WAAQA

35 Abbaani Ilma jaalate waan ch'ufa harka isati kenne.

Gade chapit la Kopi




Yohana 3:35
25 Referans Kwoze  

Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.


Abbaaleeni nama tokole inqoru, ammo waan qorsuma ch'ufa yayu Ilmati kenne,


Wonti akanatiifi Abbaani ilma jaalata, waan ufi tolchu ch'ufa isa agarsiisa, ammalle huji guddo ta tana ira garsiisa, aka isani mamtani.


Abbaani kiyya yayu waan ch'ufa nati kenne: nami tokoleeni ka Ilma beekhu injiru Abba male, ammalle ka Abba beekhu injiru Ilmaafi nama Ilmi garsiisu fed'u male.


Atini humna nama ch'ufa ira ya isaa kennite, aka inni nama ch'ufa ka atini isaa kennite jireenna hegeri kennuufi.


Waan ch'ufa Aabbooni ya harka kiyyati kenne. Abba male, nami Ilma beekhu injiru, ammalle nami Abba beekhu injiru, Ilmaafi nama inni iti mullisu fed'u male.


Waaqi waan ch'ufa ya miila Kristo jalati deebise, aka inni Mata waan ch'ufaa tahu inni ya gumi Waaqati kenne.


Yesoni aka Abbaani waan ch'ufa harka isaa keesa kaye, ammalle aka inni gara Waaqaati bahe Waaqati deebiu beennaani,


ka gubbati oldeebie harka Waaqa ka mirga tae, malaikafi jabeennaafi humna gubba jiru ch'ufa fidu.


Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Waaqi ya waan ch'ufa miila isaa jala naqe. Yo waan ch'ufa jed'ani, Waaqi ka waan ch'ufa miila Kristo jala naqe keesa injiru. Suni waan gaafi qabaatiiniti.


Na kad'ad'i, anini gosa lafa keesa jirtu ch'ufa sii kenna. Lafti ch'ufti haguma geetunu tante taati.


ammo ammatana, bara eege kana keesa la Ilma isatiini nuti dubbate. Waaqi waan gubba jira ch'ufa isaani uume, isa fohate, aka gaafa muumme inni waan ch'ufa d'aallu.


Anileeni maqa kanke yayu worra barsiise, ammalle inuma barsiisa, aka jaalalti atini na jaalatte worra keesa teete, anileeni worra keesa tau jed'e.


Anini worra keesa jira, atinileeni na keesa jirta, aka worri akuma d'ugaa taka tahu, aka nami lafa aka atini na ergite beekhe, ammalle aka atini akuma na jaalatu worrale jaalatu beekhu.


Akuma Abbaani na jaalatu, anileeni isani jaalad'a; jaalala tiyya keesa taa.


Ato inni dubbatu, dumansi adiini toko worrati golle, qonqooni dumansa keesa waan jette, Kunini Ilma kiyya ka anini jaalad'u, ka na gammachiisu, dubbi isaa ch'aqasa jette.


Qonqooni gubba baate waan jette, Kunini Ilma kiyya ka anini jaalad'u, inni guddo na gammachiisa.


AABBO Waaqi waan jed'u, Hojattuuni kiyya ka anini jabeesu kuno kana, inni nama ani fohad'e, isumati na gammachiisa. Anini ya lubbu tiyyaani isa guute tanaafi gochiti ch'ufti maqa isaatini d'uga argatti.


Anini huji suni keesale akuma ogeesa isaa wahelche. Gammadi isaa ka guyya ch'ufa naraa baha, aninileeni hojja isa woliini jiru ingammada.


Eegee lafa Misirile beelti seente, duuba Farao d'aqani, Sagale nuu kenna jed'ani. Faraoni waan jed'eeni. Beena, gara Yusufu d'aqa, waan inni isani tolchu taha.


Faraoni waan jed'eeni, Anini hayyu lafa Misiri; nami tokoleeni waan atini inquufiini intolchu.


Jennaani jabeennafi ulfinnaafi irre inni woini fiddu isaa kennani, aka nami gosafi d'alootafi afaani afaani dubbatu ch'ufti isa hojatu. Jabeenni isaa haga jiru jireenna taa, finna isaa muumme inqabu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite