28 Isanileeni d'uga tiyya aka anini, Anini Kristoniti, ammo isa dura na ergani ufiini jed'e.
Inni diideese iti hime waan jed'e, Anini Kristoniti.
Inni waan jed'e, Anini qonqo nama lafa alooti iyu, ta kara Aabbo qajeelcha jettu. Aka raagi Isayani duri jed'e.
AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini ergattu tiyya erga, ta kara naa mid'aasitu. Duuba AABBO Waaqi ka isani barbaaddani tassa Mana isaa ka eebati d'ufa. Ergattuni isani guddo eeddani d'ufte, wold'aqisa kiyya odeesiti.
Raagi Isayani waan Yohana dubbate waan jed'e, Qonqooni nama lafa aloo keesa iyu: Kara Aabbo kurfeesaa, daandi isaa qajeelchaa jetti.
Duuba Yohana gaafatani, waan jed'ani, Atini maafi aada batiso namaa kennita re, yo Kristofi Eliya yokhaani raaga kaani intahiini?
Gurba, atileeni raaga Waaqa Gudda jed'ani si yaamani; Aabbo dura deemte kara mid'aasitaafi.
Inni eegi tiyya d'ufa, ammo anini seemsa kope isa iti d'iaad'e hiikhu himmalle.