Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 3:27 - KITAABA WAAQA

27 Yohanani waan jed'eeni, Nami dandae woma inargatu, waan Waaqi kenne male.

Gade chapit la Kopi




Yohana 3:27
27 Referans Kwoze  

Galati dansaani ka namaa kennanifi ka namaa baasani ch'ufti gubba gadi d'ufa, fulla Waaqa, ka ifsa gubba uume. Inni injijiramu yokhaani garingalu.


Eentu nama d'ibi ira si guddise? Waaqati waan atini qabdu ch'ufa si kenneeyu? Yoosi, maafi ufi guddifta, aka waan waan atini qabdu ch'ufa tolaa sii inkenniini?


Ammo maro eeba Waaqaatiifi anini akuma jiru jira, eebiti inni naa kenne ufumaa imbanne. Ammo, anini ergattu ch'ufa ira jabaad'e hojad'e, ato waan anini ufiini tolche tahu d'ibaatele, ammo eeba Waaqaati na keesa tolche.


Jennaani AABBO Waaqi huji tiyya ta tikha keesaa na fuud'e waan naani jed'e, Beeni, gumi tiyya ta Israeliti woi himi.


Inni nama ch'ufa waan inni dandau iti kenne. Toko shilingi kunki shantama iti kenne, ka lameeso kunki diddama iti kenne, ka sadeeso kunki kud'ani iti kenne, kae iti d'aabate.


Ee AABBO Waaqa, anini takaa, worra kana balleesi siini injenne. Anini takaa aka worri badu infeene. AABBO Waaqa, atini imbeeta, waan anini jed'ele ch'ufa imbeeta.


Anini ato si inuuminu si fohad'e, ato atini ind'alatinu koba si baase, raaga gosa ch'ufaa si tolche.


Duuba uleeni nama anini fohad'e latte baati. Kara kanani anini gungumsu worra Israeli ta guyya ch'ufa sira gungumani d'owa.


Maro waan kanatifi aka anini ergattufi, barsiiftu gosa d'ibi tahu na ergani, aka d'aamsa d'ugefachaatifi ka d'ugaa odeesu. Anini kiyyibuuti injiru d'uga dubbachuu jira!


Batisooni Yohana eesaa d'ufte? Waaqa biraa d'ufte mo nama biraa d'ufte? Worri wolmorme waan jed'e, Maani jenna? Yo nu Waaqa biraa d'ufte jenne, inni waan nuuni jed'u, Maafi Yohana ind'ugefatiina re?


Tanaafi waan qamnu ch'ufaani eeba Waaqi nuu kenne gula hojachu malle. Yo hujiini teenna dubbi Waaqa odeesiti taate, d'ugefacha Waaqi nuu kenne gula odeesu malle.


Wonti kunini aka nama imaltu deemu jirti. Inni worra ufi lakise jabeenna tissele isaati kenne, kamu huji kenneefi, duuba nama balbala eeguleeni balbala aka dansa eegi jed'a.


Maqaani kiyya Paulo; anini fed'i Waaqaatiini ergattu Kristo Yeso tahe. Gara gumi Waaqa ta Efeso keesa jirtu, ta jireenna ufitiini Kristo Yeso d'ugefate tatabe tana t'aafa.


Maqaani kiyya Paulo, ka yaamichi aka anini ergattu tahu namaani ind'ufiini yokhaani nama ira ind'ufiini, ammo Yeso Kristofi Waaqa Abba, ka duisa keesaa isaa kaase, iraa d'ufe.


Ammo Lubbu takatiti waan kana ch'ufa tolcha; isiini akuma feetu nama ch'ufa kenni aka aka kenniti.


Apolooni eennu? Pauloni eennu? Nuuni lachu hojattu Waaqaati ka isani d'ugefachiise. Nuuni ch'ufti huji ta Aabbooni nuu kenne tolchina:


Maro isaatiifi Waaqi na fohate ergattu maro maqa Kristotiifi na tolche, aka gosa ch'ufa d'ugefachiise fud'achiisu.


Maqaani kiyya Paulo, ka fed'i Waaqatiini yaamani aka ergattu Kristo Yeso tahu, ammalle oboleesa keenna Sosthene woliini jirra —


Inni ammalle waan jed'e, Maro waan kanatifi anini ya isaniti hime, nami tokoleeni dandae gara kiyya ind'ufu, yo Abbaani tolcheefi male.


Nami hedduuni gara isaa d'aqe waan jed'e, D'uguma Yohanani akheekha intolchine, ammo wonti Yohanani waan nama kana dubbate ch'ufti d'uga.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite