Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 3:18 - KITAABA WAAQA

18 Nama isa d'ugefatu wollaala iti imurani; ka ind'ugefanne iti murani, waan inni maqa Ilma Waaqa tokocha d'ugefachu dideefi.

Gade chapit la Kopi




Yohana 3:18
19 Referans Kwoze  

Nami Ilma Waaqa d'ugefatu ch'ufti d'uga tana garaa ufi keesa qaba; ammo nami Waaqa ind'ugefanne ya Waaqa kiyyiba tolche, maro inni waan Waaqi waan Ilma isaa d'ugeese d'ugefachu dideefi.


Nami d'ugefate batifamu imbaafama, ammo ka ind'ugefanne wollaala iti murani.


Worra Kristo Yeso keesa jiru qorsumaani inhamneefi.


D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nami dubbi tiyya d'agaye ka na erge d'ugefate, jireenna hegeri qaba. Isa wollaala iti imurani, ammo ya duisa keesa bahe jireenna argate.


Nami Ilma qabu ch'ufti jireenna kana inqaba; nami Ilma Waaqa inqamne jireennale inqabu.


Nami Ilma d'ugefatu jireenna hegeri qaba; nami Ilma d'ugefachu didu haguma jiru jireennale jireenna inargatu, ammo Waaqi haga jiru jireenna isati dallana.


Tanaafi waan maro d'ugefachatifi d'uga nu hereganiifi nu amma Waaqaani wolti nagaya qamna, maro Aabbo keenna Yeso Kristotiifi.


Waaqi kara kanaani jaalala ufi nuu garsiise: inni Ilma ufi tokocha lafati erge, aka nu isaani jireenna argannu.


Eentu dandae wollaala worrati mura? Kristo Yesoni la due, ammalle la duisa keesaa kaasani harka mirga ka Waaqa teesisani; inni Waaqa nu kad'ata.


Ammo haga kana ya t'aafani, aka isani aka Yesoni Kristo Ilma Waaqa d'ugefattani, d'ugefannaani aka maqa isatiini jireenna argattani.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami d'ugefatu jireenna hegeri qaba.


Wonti Aabbooni fed'u tana: aka worri Ilma arge d'ugefatu ch'ufti jireenna hegeri argatu; duuba anini guyya muumme duisa keesaa kaasa.


Nami tokoleeni taka Waaqa ingarre, Ilma tokocha, ka Abbaani takaa, ka d'aatu Abbaa tau male, isati Waaqa nama beesise.


akamiini dandeenne baana, yo nu baafama akana kana injabeesine? Aabbooni baafama kana qara yayu hime, worri isa d'agaye, aka isiini d'uga aka dansa nu beesise.


Eegad'a duuba, nama dubbatu ch'aqasu indidiina. Yo worri gaafa inni lafa keesati dubbate ch'aqasu dide imbaafamini, nuleeni dandeenne imbaafamnu, yo ka gubba nuti dubbatu ch'aqasu dinne.


Ammo nama isa fud'ate maqa isaa d'ugefate ch'ufa inni jabeenna kenne, aka ijoolle Waaqaa tahani.


Wonti akanatiifi Waaqi guddo lafa jaalate, tanaafi Ilma ufi tokocha namaa kenne, aka nami isa d'ugefatu tokoleeni imbanne, ammo jireenna hegeri argatu.


Tanaafi, aka worri waan d'ugefachu dideefi boqota suni argachu dad'abe argina.


Wonti inni fed'u tana: aka nu Ilma isaa Yeso Kristo d'ugefanne, aka Kristoni nuti hime woljaalannu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite