Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 3:15 - KITAABA WAAQA

15 aka nami isa d'ugefatu ch'ufti jireenna hegeri argatu.

Gade chapit la Kopi




Yohana 3:15
37 Referans Kwoze  

Wonti akanatiifi Waaqi guddo lafa jaalate, tanaafi Ilma ufi tokocha namaa kenne, aka nami isa d'ugefatu tokoleeni imbanne, ammo jireenna hegeri argatu.


Wonti Aabbooni fed'u tana: aka worri Ilma arge d'ugefatu ch'ufti jireenna hegeri argatu; duuba anini guyya muumme duisa keesaa kaasa.


Nami Ilma d'ugefatu jireenna hegeri qaba; nami Ilma d'ugefachu didu haguma jiru jireennale jireenna inargatu, ammo Waaqi haga jiru jireenna isati dallana.


Ammo haga kana ya t'aafani, aka isani aka Yesoni Kristo Ilma Waaqa d'ugefattani, d'ugefannaani aka maqa isatiini jireenna argattani.


Nami aka Yesoni Kristo d'ugefatu ch'ufti ijoolle Waaqa; nami abba jaalatu ch'ufti ilma isale injaalata.


Ammalle inni indandaa, ammafi hegerile, aka worra isa gula Waaqati d'ufu baasu, waan inni haga hegeri Waaqa worraa kad'atuufi.


Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.


Nati deebia, baafama argad'a, isani gumiini lafa ch'ufa keesa jirtu! Waaqi anuma, na male kad'ibini injiru.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami d'ugefatu jireenna hegeri qaba.


Ammo nama isa fud'ate maqa isaa d'ugefate ch'ufa inni jabeenna kenne, aka ijoolle Waaqaa tahani.


D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nami dubbi tiyya d'agaye ka na erge d'ugefate, jireenna hegeri qaba. Isa wollaala iti imurani, ammo ya duisa keesa bahe jireenna argate.


Wonti akanatiifi Ilmi Nama ka bade barbaade baasu d'ufe.


Ammo nu imbeenna, aka d'ugefacha Yeso Kristotiini d'uga namaa heregani, Seera guutitiini woma keesa injirtu. Wonti nuleeni Kristo Yeso d'ugefanneefi aka d'ugefacha nu Kristo d'ugefanneeni d'uga nuu heregani, ammo Seera guutitiini intaatu. Wonti akanatiifi Seera guutitiini nama tokole d'uga inheregani.


Tunini waan Kristoni nuu kakhate, aka jireenna hegeri nuu kennu.


Nuu nama garagale baduuniti. Ammo nu d'ugefacha qamna, inuma baafamna.


Ammalle ato worri yau, fulla bisaani toko d'ufani; namichi kaani waan jed'e, Me ilaali, bisaaniti arma jira, malti batiso argachu naa d'owa? [


Nami d'ugefate batifamu imbaafama, ammo ka ind'ugefanne wollaala iti murani.


nami amma jiru ananiti, Kristoti na keesa jira male. Jireenna anini amma jiru kana maro d'ugefacha Ilma Waaqaatiifi jira, ka na jaalate jireenna ufi naa baase.


Yo oduuni dansaani nu odeesinu d'ofamte, worra badu jiru ch'alla duraa d'ofamti.


Odeesani duisa Kristoni maskali gubbati due worra badu daalluma fakaatti; ammo nuu worra baafamuti jiru jabeenna Waaqati.


Tanaafi akuma dabi maro duisatiifi nama mohate, akasuma eebiti Waaqaleeni maro d'ugatiifi nama mohatte maro Yeso Kristo Aabbo keennatiifi jireenna nuu kenniti.


Ilaala, isani ka nama tuffattani! Mama, bada! Anini huji toko bara keesani kana keesa tolcha, huji isani ind'ugefanne, ato nami isaniti odeesele! jettu.


Eegad'a, aka ijoolle didiqo tana tokole intufanne. Anini isaniti hima, malaikaani isii gubbati hojja ch'ufa fuula Abba kiyya dura ejaanjiti. [


Waan kana anini ya isaniti hime, aka na keesa nagaya argattani. Lafa keesa d'ipu argattani, ammo garaa jabaad'a! Anini ya lafa dabsad'e.


Jennaani Musani bofa sibiila diima iraa mid'aase mukhati fannise aka sila, nami bofi nyaate ch'ufti bofa sibiila suni millate fayyu.


Guyyaani ind'ufa, ka nami d'aloota Daudi hayyu tahe, akheekha gosa ch'ufaa tahu. Worri dira isaa keesati wolti bahe isa guddisa.


Worra kana gara gaargala ind'umanne ergani, worra d'uga gara jireenna ind'umanne ergani.


Sagale d'umattu inhojatiina, ammo sagale haga jireenna hegeri teetu ta Ilmi Nama isanii kennu hojad'a, wonti akanatiifi Waaqi Abbaani yayu beesisa ufi isa ira keyate.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite