13 Yesoni d'ufe, qit'a fuud'e worraati kenne; qurt'umile akasuma kenne.
Lafa godduni baanani ibida ch'ile qabu, qurt'umi ibida ira kayanifi, qit'ale argani.
Nami ch'ufti isa ingarre, ammo jara d'uga isaa tahe, ka Waaqi qara fohateefi nuleeni ka isa woliini nyaanne d'unne, eegi inni duisa keesa kae, isa agarre.
Gurba tokoti arma jira, ka qit'a garbu shanifi qurt'umi lama qabu. Ammo tunini maani baati nama hagana gahu kana?
Jennaani Yesoni qit'a shanaani kaani guure, eebise, biyya teteetuti kenne, akasuma qurt'umile haga fed'ani worra kenne.
Yesoni waan worraani jed'e, Qurt'umi reefu qabdani armaani koota.