22 Akasi jennaani, inni hafuura ufi worraa kenne waan jed'eeni, Lubbu Qulqullo argad'a.
Lubbuuni Waaqa na uumte, hafuuri Waaqa gudda jireenna naa kenne.
Jennaani AABBO Waaqi biyye lafa iraa fuud'e nama tolche, hafuura jireennaa funaaniti afuufe, nami suni sunumaani jiraate lubbu argate.
inni waan worraani jed'e, Isani gaafa d'ugefattani Lubbu Qulqullo argattani? Worri waan jed'eeni, Hiyyo, aka Lubbuuni Qulqullooni jirtule imbeennu.
Worri d'ufe, Waaqa worraa kad'ate, aka Lubbu Qulqullo argatani.
Petroni waan jed'eeni, Daba iraa deebia, isaniini ch'ufti maqa Yeso Kristotiini batifama, aka daba keesani isanii araaramani; duuba qarqaarsa Waaqa ka Lubbu Qulqullo argattani.
Duuba Waaqi waan nani jed'e, Namicha, qilleensati fagi waan jettuuni wonti AABBO Waaqi guddaani jed'u tana: Gara ch'ufaa kooti, reefa kana hafuura tahi, lubbu iti deebisi.
AABBO Waaqi jecha isaatini gubba uume, aduufi jiaafi urjile dubbi ufiitini mid'aase.
Worri ch'ufti Lubbu Qulqullooni guutamnaani, afaani d'ibi dubbachu iti keyatani, aka Lubbuuni worra dubbachifte gula.
Dubbi tana Yesoni waan Lubbu jed'e, ta worri isa d'ugefatu argatu. Gaafasi Waaqi Lubbu ufi nama inkennine, wonti akanatiifi Yesoni qara guddinna ufi inarganne.
Waan toko ch'alla nati hima: Seera guunnaani Lubbu Waaqa argatani mo, Odu Dansa d'ageetani d'ugefannaani argattani?
Jennaani Petroni Lubbu Qulqullooni guutamnaani waan worraani jed'e, Shumootaafi jaarole gosa Israeli,
Eentu dandae bisaaniini worra kana batifamu d'owa, eegi worri akuma keenna Lubbu Qulqullo argate?
Ammo yo Qarqaarsi d'ufu, ka anini gara Abba kiyyati ergu, Lubbu d'uga, ta gara Abbati baatuuti na d'ugeesa.
Duuba anini Abba kad'ad'a, aka qarqaarsa d'ibi isanii ergu, aka inni haga hegeri isani woliini tau.
Anini ammo dubbi d'uga isaniti hima: aka anini deemuti ira isani jira. Wonti akanatiifi yo anini indeemini, Qarqaarsi kaani isanii ind'ufu. Ammo yo anini deeme, anini isa isanii erga.
Jennaani Yesoni ammalle waan jed'eeni, Nageenni isani bad'aad'a? Akuma Aabbooni na erge anileeni isani erga.
Nama isani daba araaramtaniifi ch'ufa inaraaramaniifi; ka isani araaramufi diddani ch'ufti araarama inargatu.