Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 2:19 - KITAABA WAAQA

19 Yesoni waan worraani jed'e, Isani Mana Waaqa kana ch'absa, duuba anini guyya saditi deebie jaara.

Gade chapit la Kopi




Yohana 2:19
23 Referans Kwoze  

Nu isa, Anini Mana Waaqa kana, ka nami ijaare, ch'abse, guyya saditi kad'ibi ka nami inijaariini ijaara jed'u d'ageenne jed'ani.


Nami d'aatu isaa yau isa arabse, mata iti irbe waan jed'ani, Lee! Atini ka sila Mana Waaqa ch'ach'absite, guyya sadi keesati jaartu,


Atini ka, Mana Waaqa ch'abse, guyya saditi jaaru dandaa jette, ufi baasi, yo atini Ilma Waaqaa taate! Maskali ira lafati gadi bui!


Akuma Yonani guyya sadifi halkani sadi garaa qurt'umi keesa tae, akasuma Ilmi Namaleeni guyya sadifi halkani sadi boola keesa taa.


Yo Lubbuuni Waaqaa ta Yeso duisa keesaa kaafte isani keesa jiraatte, yoosi ka Yeso duisa keesaa kaase nafa keesanile jireenna inkenna, Lubbuuni isaa ta isani keesa jirtuuni.


Abba Jireenna ijeeftani. Ammo Waaqi duisa keesaa isa kaase, nu d'uga waan kanaati.


Waaqi ya Yeso kana duisa keesaa kaase, nu ch'ufti d'uga waan kanaati.


Ammo Waaqi isa kaase, gaargala duisa keesaa isa baase, waan dooti dandeete isa indabsanneefi.


Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.


Batiso teennaani nu isa woliini doone awaalamne, aka, akuma guddinna Abbatiini Kristo duisa keesaa kaasani, nuleeni jireenna haraani jiraannu.


Yesoni waan jed'eeni, Ka kaasufi ka jiraachisu ana; nami na d'ugefatu, yo duele, injiraata.


Jennaani inni worra barsiise waan jed'e, Ilmi Nama guddo gaargalu male, jaarolefi qaalole gugurdofi jari Seera beekhuleeni isa mormachu male. Isa ijeesani, ammo inni guyya sadeeso inkaa jed'e.


Wonti akanatiifi gaafa isani batisani, Kristo woliini isani awaalani, ammalle batiso teesani keesa Kristo woliini duisa keesaa isani kaasani, waan isani jabeenna Waaqaa, ka duisa keesaa isa kaase, d'ugefattaniifi.


Yo d'aamsi keenna, Kristoni duisa keesaa ya kae jed'u, isaniini gari akamiini, Nami due inkau jettani?


Ammo maro teennale ya t'aafani, nu ka Waaqa, Yeso Aabbo keenna duisa keesaa kaase d'ugefannule d'uga heregani.


Tanaafi Waaqi isa fohate, Hojattu ufi qara isaniti erge, aka isani eebise kara keesani hama ira isani gorsu.


Duuba Yesoni waan worraani jed'e, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Ilmi dandae ufiini woma intolchu, yo waan Abbaani tolchu argu male. Ilmi waan Abbaani tolchu ch'alla tolcha.


waan jetteeni, Aabbo, nu aka namichi kiyyibaani suni gaafa jiru, Eegi guyya sadi anini duisa keesaa kaa jed'e, inqaabanna.


Eegi suni Yesoni diideese jara ufiti hime waan jed'eeni, Anini Yerusalemu d'aqu male. Harka jaaroletiifi qaalole gugurdotiifi jara Seera beekhutiini gaargala. Ammalle na ijeesani, guyya sadeeso kau male.


Nu ya d'ageenne aka inni, Yesoni Nazareti mana qulqullo kana balleese aada Musani nuu kenne tana garagalcha jed'u!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite