38 Eegi waan kana Yusufuni ka nama Arimathaya, gara Pilato d'aqe reefa Yeso kad'ate. (Yusufuni suniini nama Yesoti ammo maro Yahudi sodaateefi ufi d'osse.) Pilatoni ee jennaani inni d'aqe reefa fuud'e.
Nami waan isa ka nami d'ibiini isa duuba dubbatu sodaatu gaargala seena, ammo nami AABBO Waaqa sodaatu gaargala keesaa baha.
Anini hid'aansa keesa seennaani, oboleyaani ch'ufti guddo huji Aabbooti jabaatte jannoomte, dubbi Waaqa soda male odeesite.
Ammo nami diideese waan isaa dubbatu injiru, waan Yahudi sodaataniifi.
Taatule nami gugurdaani hedduuni Yeso d'ugefate; ammo maro Farisayo sodaataniifi inhimanne aka mana Waaqa iti kad'atani seenu worra ind'owarre.
Wonti abbaafi haati isaa waan kana jetteefi Yahudi sodaate; wonti akanatiifi Yahudiini yayu wolmariatte aka nama Yeso jed'u ch'ufa Mana Waaqa keesa gussani.
Wonti duri, ta waan isaa t'aafani, guutamnaani, worri mukha iraa fuud'e awaale.