37 Ammalle t'aafiini d'ibiini waan jettu, Biyyiti namicha woraanani daawatti.
Anini ilmaani Dauditifi worra Yerusalemu kaani d'ibi herega naasutiifi ka kad'achatiini guuta. Duuba namicha woraanaani ijeesani kaani laalani, akuma nama ilma tokocha bohu bohaniifi. Aka worri ilmi angafa iraa due bohu, garaa hamaatani bohaniifi.
Me ilaali, inni dumansa keesa d'ufuu jira! Nami ch'ufti isa arga, jari duri isa woraaneleeni. Gochiti lafa ch'ufa maro isaatiifi booti. Ha akasuma taatu! Amini.