18 Achiti Yeso fannisani; isa woliini nama lama d'ibi, mirgafi bita isaa ka inni jiddu jiru fannisani.
Tanaafi anini fulla guddinna ta hayyooti gugurdoni irre qabdu teetu isaa kenna. Waan inni fed'i ufitini jireenna ufi baase worra ch'ubbu woliini duefi. Inni ch'ubbu nama heddu fed'ate, ammalle aka ch'ubbu worra suni araaramanifi Waaqa kad'ate.
Ammo Kristoni, ufi abaarsa nu tahe, abaarsa Seeri nutiini d'ufu jala nu baase. Akuma t'aafiini jettu, Nami mukha irati fannisani ya abaarame.
Tunini aka dubbini Yeso guutamtu, ta inni waan duisa ufi hime.
Shiftaani isa woliini fannisanileeni akasuma isa goyeesite.
Duuli nama ch'ubbuu na marse; aka yayi nati baafate, harkaafi miila kiyyale ch'ufa tatarsaase.
Yeso ufi durati laalla, waan d'ugefachaani teenna haga qaratiifi haga muummele isa keesa jirtuufi. Inni duisa maskali obse, maro gammada isa eegatuufi maskali gubbati duu inch'eerfanne, amma barch'uma Waaqa mirgaani taa.
Duuba askartiini d'at'e, miila nama qara kaani ch'absite, ka lameeso ka isa woliini fannisanile.
Waaqi, fed'ifi beekhuma ufi gula, ya aka Yeso harka keesaniti kennani buufate; isani isa fanniftani, harka nama dabaatiini ijeeftani.