Hojja atini lafa toko keesati hiyyeesa dabsani d'ugaafi qajeeluma d'owani argite, imamiini. Nama gudda ch'ufa nama isa ira jiruti tissa, ammo worra lachule nama worra ira jiruti tissa.
Ammo hayyichi waan nani jed'e, Anini gosa teenna ta qara worra Babiloniti harka kennate sodaad'a. Hegeri harka worra suniti na kennani na gaargalchani.
Beesisa kana Yahudi hedduti soome, waan fullaani Yeso iti fannisani suni d'aatu dira tatefi. Ammalle afaani Ebraniatiifi ka Rumitiifi ka Grikileeni t'aafani.