Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 17:26 - KITAABA WAAQA

26 Anileeni maqa kanke yayu worra barsiise, ammalle inuma barsiisa, aka jaalalti atini na jaalatte worra keesa teete, anileeni worra keesa tau jed'e.

Gade chapit la Kopi




Yohana 17:26
28 Referans Kwoze  

Anini worra keesa jira, atinileeni na keesa jirta, aka worri akuma d'ugaa taka tahu, aka nami lafa aka atini na ergite beekhe, ammalle aka atini akuma na jaalatu worrale jaalatu beekhu.


Anini maqa kanke nama atini lafa keesa naa kennite ya agarsiise. Worri qara namuma keti, atileeni ya worra naa kennite. Worri dubbi tante la guute,


Akuma Abbaani na jaalatu, anileeni isani jaalad'a; jaalala tiyya keesa taa.


Inni waan jed'u, Ee Waaqa, anini waan kanke oboleyaani tiyyati dubbad'e, gumi isaani ch'ufa durati maqa kanke faarsa.


Armaa achi tissele isaniini injed'u; wonti akanatiifi tisseeni waan abbaani tolchu imbeetu. Ammo anini jaalaani isaniini jed'a, waan dubbi Abba kiyya iraa d'agaye ch'ufa isaniti odeeseefi.


Guyya suni aka anini Abba keesa jiru, ka akuma anini isani keesa jiru ka isanileeni na keesa jirtani beetani.


Anini waan atini tolchite gosa tiyyati hime gumi isaani durati si faarsa:


Na keesa taa, anileeni isani keesa taa. Akuma dameeni koba ufi mid'aani imbaamne, yo mukha zabibuti ejitu male, akasuma isanileeni woma indandeenne, yo na keesa teetani male.


Dubbi d'uga guddoti t'aafi tana keesa mullata; isiini, mala kiyya, Kristofi gumi Waaqale baanti.


wonti akanatiifi nu mita nafa isaati.


Yesoni waan jed'eeni, Yo nami na jaalate dubbi tiyya guuta, Abbaani kiyyaleeni isa jaalata, ammalle nu isati d'umne fulla isaa teenna.


Taatule anini guddinna ufi imbarbaadu. Ka barbaadu tokoti jira, ka aka dansa wo qoru.


Nami seera Waaqa gula deemu ch'ufti Waaqa keesa jira, Waaqileeni isa keesa jira. Kara kanaani aka Waaqi nu keesa jiru beenna, waan inni Lubbu ufi nuu kenneefi.


Aabbo Yeso Kristofi Waaqi Abba keenna, ka nu jaalate eeba ufitiifi jannooma hegerifi abdi dansa nuu kenne,


Maro waan kanatifi Yahudiini yokhaani gochiti d'ibiini injirtu, nama qabanqaba qabatefi ka inqabatini injiru, nyaapafi nami aada imbeenneleeni injiru, tisseefi balchaani injiru, ammo Kristo ch'allati jira, ammalle waan ch'ufa isumati keesa jira!


isanileeni ya jireenna mijuu isa keesa argattani. Inni mohachafi jabeenna ch'ufa ira jira.


Heregi Waaqa kana: aka waan guddo mama ka duri d'ossani amma gumi ufiti mullisu. Wonti qara d'ossani suni tana: Kristoni isani keesa jira, wonti kunini aka isani guddinna Waaqa argattani agarsiifti.


aka Kristoni, garaa keesani keesati qubatu, maro d'ugefachatiifi. Anini inkad'ad'a, aka hiddafi yayabi keesani jaalala keesa tau,


Koota, Waaqa galata deebimna, maro eeba isaatiifi, waan inni Ilma isaa ka inni jaalatu keesa nu eebiseefi.


nami amma jiru ananiti, Kristoti na keesa jira male. Jireenna anini amma jiru kana maro d'ugefacha Ilma Waaqaatiifi jira, ka na jaalate jireenna ufi naa baase.


Wonti akanatiifi Kristoni aka nafa toko jira, ka mita heddu qabu; inni nafa toko ch'alla, ato mita heddu qabaatele.


Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.


Ammo yo Kristoni isani keesa jiraate, ato dabi nafa keesani ijeesele d'ugaani lubbu teesani jiraachifti.


Nami fooni kiyya nyaate d'iiga kiyya d'ugu na keesa taa, anileeni isa keesa taa.


Anini dubbi atini naa kennite yayu worraa kenne, worrileeni yayu fud'ate; aka anini gara keti bahe worri ya aka isiini d'uga beekhe, ammalle aka atini na ergite yayu d'ugefate.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite