Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 16:10 - KITAABA WAAQA

10 aka d'ugaani jirtu, waan anini gara Abba d'aquufi, duuba isani iti deebitani na inargitani;

Gade chapit la Kopi




Yohana 16:10
26 Referans Kwoze  

Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.


Kristoni daba inqabu, ammo Waaqi maro teennaafi isaa daba tolche aka nu maro Kristotiifi d'uga Waaqa argannu.


Nami tokoleeni dandae aka aadaani teenna d'ossa qabdu imormu! Inni nafa namatiini d'ufe, aka inni qajeela Lubbuuni himte, malaikaleeni isa agarte. Gosa ch'ufati waan isaa odeesani, lafa keesati isa d'ugefatani, guddinnaani gubbati olfuud'ani.


Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.


Inni qulqullofi dansa, ammo isa diddani Pilato kad'attani aka algala toko isani hiikhani,


Nu inhereganna aka Waaqi d'uga nuu heregu; nu waan kana eeganna, jabeenna Lubbu Waaqa ta d'ugefacha teenna keesa hojattu suniini.


Wonti akanatiifi Odu Dansa keesa Waaqi kara inni d'uga nama hereguuni agarsiisa: karaani suni d'ugefacha ch'alla. Akuma t'aafiini jettu, Nami Waaqi maro d'ugefachatifi d'uga hereguufi injiraata.


Inni ya guyya tolfate, aka nama lafa jiru ch'ufa d'ugaani qoru, nama inni fohateeni. Inni ya nama kana duisa keesaa kaase, waan kana kara kanaani nama ch'ufaa d'ugeese.


Raaga kami ka ababooti teesani ingaargalchiini? Ammalle worri ergattu Waaqa, ta d'ufiisa Nama d'uga himu d'ufte, ijeese. Isanileeni ammatana isa gurgurtani ijeeftani.


Waaqi ya Yeso kana duisa keesaa kaase, nu ch'ufti d'uga waan kanaati.


Ammo nama na d'ugeesu toko jira, d'ugeesani inni na d'ugeesu tama d'ugaati, anini imbeekha.


Akuma Musani lafa gamoojiti bofa fannise, akasuma Ilma Nama fannisu malani,


Ganni torbatama maro torba ganna Waaqi aka gosa tanteetifi dira kanke qulqullo ch'ubbufi hameenna suni keesaa baasu fohate. Ch'ubbu namaa araaramani, d'uga haga jiru jireenna jirtule namaa kennani aka daayyafi fagiisi guutame Mana Waaqa qulqullo maro lameeso jaraani eebisani.


AABBOONI Waaqa guddo nama baasu fed'u, tanaafi inni seerafi barsiisa isaa guddise, aka gumiini isaa beetu fed'e.


Yesoni waan jed'e, Bulti diqo toko ch'alla isani woliini jira, eegi suni gara nama na erge gala.


Ammo amma gara nama na erge gala; isani keesa tokoleeni ka, Garami deemta? jed'e na gaafatu injiru.


Anini gara Abbati bahe lafati d'ufe; ammalle anini gara lafaati bahe Abbati deebia jed'e.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite