27 Isanileeni na d'ugeesitani, waan haguma duri na woliini jirtaniifi.
Ammalle nu ya garre ammalle biyyati odeesina aka Abbaani Ilma ufi erge, aka Qarqaarsa lafaa tahu.
Kunini nama waawaawaan kana d'ugeesu, ka waan kana t'aafe; aka dubbini isaa d'uga nu imbeenna.
Isaniti d'uga waan kanati.
Halkani lameeso Aabbooni isa bira ejate waan jed'e, Garaa jabaad'u, akuma Yerusalemu keesati na d'ugeesite suni, Rumile keesati na d'ugeesu malte.
Anini tatabe diqo tana qarqaarsa Silwano, ka anini aka oboleesa d'uga heregad'utiini, t'aafe. Anini isani jabeesu fed'a, ammalle aka eebiti Waaqaaqaaqa d'uga, isaniti himu fed'a. Eeba tanaani jabaad'a.
Anini jaarole gumi ta jiddu teesani jirtu kad'ad'a, anileeni jaarsa. Anini gaargala Kristo ila tiyyaani arge, duuba guddinna eegi tana mullisani qooda keesaa qaba. Anini isani kad'ad'a:
Wonti akanatiifi nu waan d'ageenne argine kana d'ossu indandeenu.
Ammo eegi Lubbuuni Qulqullooni isani ira buute jabeenna argattani, Yerusalemufi Yudeafi Samaria keesafi haga muumme lafale ch'ufa na d'ugeesitani.
Anini Yohana oboleesa keesani; Yeso keesa nu gaargalafi Finna isatiifi obsa woliini arganna. Waan anini dubbi Waaqatiifi d'uga Yesoni mullise odeeseefi, lafa bisaani marsani, ta Patmo jed'ani, keesa jira.
Yohanani ya waan arge ch'ufa hime. Kunini d'aamsa isaa ka waan dubbi Waaqatiifi d'uga Yeso Kristoni mullise himu.
Silafi Timotheoni Makedonia d'ufani jennaani Pauloni halkani guyya hasae, aka Yesoni Kristo Yahuditi odeese.
Inni guyya heddu worra duri isa woliini Galilaya bahe Yerusalemu d'ufeti mullate. Worri suni amma gumi Israeli ch'ufa durati d'uga isaati.
Jabeenna guddaani waan kaisa Aabbo Yeso odeesani, Waaqileeni guddise worra eebise.
Nami waan kana arge la d'ugeese, dubbini isaa d'uga. Aka d'uga dubbatule inni imbeekha, aka isanileeni d'ugefattani.
Abba Jireenna ijeeftani. Ammo Waaqi duisa keesaa isa kaase, nu d'uga waan kanaati.
Oduuni Dansaani ta Yeso Kristo Ilma Waaqa tana.