Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 14:20 - KITAABA WAAQA

20 Guyya suni aka anini Abba keesa jiru, ka akuma anini isani keesa jiru ka isanileeni na keesa jirtani beetani.

Gade chapit la Kopi




Yohana 14:20
24 Referans Kwoze  

Anileeni maqa kanke yayu worra barsiise, ammalle inuma barsiisa, aka jaalalti atini na jaalatte worra keesa teete, anileeni worra keesa tau jed'e.


nami amma jiru ananiti, Kristoti na keesa jira male. Jireenna anini amma jiru kana maro d'ugefacha Ilma Waaqaatiifi jira, ka na jaalate jireenna ufi naa baase.


Nami taka Waaqa arge injiru; yo nu woljaalanne Waaqi nu keesa jira, jaalalti isaa nu keesati qit'oomti.


Isii Filipo, aka anini Abba keesa jiru, Abbaaleeni na keesa jiru ind'ugefanne? Dubbini anini isaniini jed'u yaada kiyyaani injed'u. Ammo Abba na keesa jiruti huji ufi tolfata.


Worra Kristo Yeso keesa jiru qorsumaani inhamneefi.


Ammo yo anini tolche, yo na d'ugefachu baatanile, huji suni d'ugefad'a; aka isani aka dansa hubatani baratani, aka abbaani na keesa jiru, ka anileeni abba keesa jiru.


Ufi ilaala, ufi qora, aka, d'ugefacha keesa teetani ufi agartani. Isani aka Kristo Yesoni isani keesa jiru beetu? Yo isani ufi injibaatiini.


Heregi Waaqa kana: aka waan guddo mama ka duri d'ossani amma gumi ufiti mullisu. Wonti qara d'ossani suni tana: Kristoni isani keesa jira, wonti kunini aka isani guddinna Waaqa argattani agarsiifti.


Gaafasi maqa kiyyaani kad'attani; ammalle anini, Abba isanii kad'ad'a injed'u;


Wonti akanatiifi qit'oomi Waaqa ch'ufti nafuma Kristo keesa jira,


Maro fed'i Waaqaatiifi Ilmi qit'ooma Waaqaa ufi keesaa qaba.


Nami fooni kiyya nyaate d'iiga kiyya d'ugu na keesa taa, anileeni isa keesa taa.


Yo nami Kristoni taka tahe inni uumama haraa: wonti dullatiini ya dabarte, hareetiini ya d'ufte.


Anini amma tana lafa keesa intau, ammo jari kunini lafa keesa taa; anini gara kanke d'ufa. Ee Aabbo qulqullo jabeenna kanke ka atini naa kennite sunini worra qorqorad'i aka worri akuma kenna taka tahu.


Guyya suni woma na ingaafattani. D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Waan isani maqa kiyyaani Abba kad'attani ch'ufa inni isanii kenna.


Nu uumama Waaqaati, ammalle Kristo Yeso keesa inni ya nu uume, aka huji dansa ta inni herege nu kurfeese ke teennu.


Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.


amma waan atini naa kennite ch'ufa, aka isiini gara keti baatu, ya baratani.


Anini nama Kristiana toko fuula beekha, ka ganna kud'ani afuri ka dabre gara Waaqa gubbati olfuud'ani (anini wonti kunini d'uguma taatule imbeekhu, hegeri inni daayya arge, Waaqa ch'allati beekha).


D'aamsi keenna aka Waaqi Kristo keesa nama ufiti araarsu. Waaqi daba worrati int'aamne, ammalle ya d'aamsa nagaya kana harka keennati kenne.


Andronikofi Yunia, worra gosa tiyya, ka na woliini hid'ani, nagaya naa fuud'a; ergattu keesa worri gurra qaba, ato anini Kristiana intahiini worri tahe.


Aka anini Abba keesa jiru, ammalle aka Abbaani na keesa jiru, d'ugefad'a; yo akasi ind'ugefanne, maruma hujitiifi na d'ugefad'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite