Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 14:13 - KITAABA WAAQA

13 Waan isani maqa kiyyaani kad'atani ch'ufa ani intolcha, aka guddinni Abbaa Ilma keesaa mullatu.

Gade chapit la Kopi




Yohana 14:13
36 Referans Kwoze  

Yo isani na keesa teetani dubbini tiyya isani keesa teete, waan feetani ch'ufa kad'ad'a, isanii kennani.


Tanaafi waan anini isaniini jed'u, Waan isani Waaqa kad'attani ch'ufa, d'ugefad'a, aka qara d'uguma argattani, duuba inuma argattani.


Yo d'ugefattani waan kad'attani ch'ufa inargattani.


Kad'ad'a, isanii kennani; barbaada, inargitani; balbala d'ad'aa, isani duraa banani.


Maro waan kanatifi nu fuula Waaqa durati insodaannu; nu abdi qamna aka waan nu feenu ch'ufa inni nuu kennu, yo nu fed'i isaa gula kad'anne.


Guyya suni woma na ingaafattani. D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Waan isani maqa kiyyaani Abba kad'attani ch'ufa inni isanii kenna.


Waan kad'annu ch'ufa isa ira inarganna, maro nu seera isaa guunne waan isa gammachiisa tolchinufi.


Isani na imfohanne, ammo anati isani fohate erge, aka deemtani mid'aani baaftani, mid'aani ka inhamaanne. Duuba Abbaani waan maqa kiyyaani kad'attani ch'ufa isanii kenna.


Yo isani maqa kiyyaani waan tokole kad'atani, anini intolcha.


Tanaafi daba keesani wolti himad'a, Waaqa woli kad'ad'a, aka fayyitani. Kad'achaani nama d'ugaa waan jabdu, guddo wo baati.


Anini irre waan ch'ufaani dabsad'u qaba, jabeenna Kristoni naa kenneeni.


Yo nami tokoleeni isani keesa beekha d'abe, ha Waaqa kad'atu, duuba Waaqi naaso, hifacha male waan ch'ufa namaa kenna.


Isa keesa waan nu isaa d'ugefanneefi, fuula Waaqa dura d'ufu indandeenna, ch'eerafi soda male.


Gaafasi maqa kiyyaani kad'attani; ammalle anini, Abba isanii kad'ad'a injed'u;


Anaafi Abbaani kiyya nama taka.


Maro Kristotiifi nuuni ch'ufti, gosa d'ibiifi Yahudileeni, Lubbu takaani fuula Abba dura d'umna.


Waan isani jettaniifi waan tolchitani ch'ufa keesa maqa Aabbo Yesotiini tolcha, ammalle maqa isaatiini Waaqa Abba galata deebisa.


Guyya eege, ka jila suni jaba, Yesoni olejate lalabe waan jed'e, Nami yo d'eebote, gara kiyya d'ufe bisaani ha d'ugu.


Ammalle inni indandaa, ammafi hegerile, aka worra isa gula Waaqati d'ufu baasu, waan inni haga hegeri Waaqa worraa kad'atuufi.


Yesoni waan jed'eeni, Karaani ana, d'ugaafi jireennileeni ana; nami tokoleeni gara Abba ind'aqu, anaani d'aqu male.


Yesoni qonqo olfud'ate waan jed'e, Nami na d'ugefatu, na ind'ugefatu, ammo ka na erge d'ugefata.


Tanaafi waan anini isaniini jed'u, Kad'ad'a, inargattani; barbaada, inargitani; d'ad'aa, balbala isanii banani.


Aka d'akha jiru koota, aka mana lubbutiini isani jaarani, aka qaalole qulqullo taatani, sorio dansa ta Waaqi fed'u Aabbo Yeso Kristo keesa baaftani.


Duuba Yesoni waan worraani jed'e, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Ilmi dandae ufiini woma intolchu, yo waan Abbaani tolchu argu male. Ilmi waan Abbaani tolchu ch'alla tolcha.


Waan kanaafi nu hojja ch'ufa faaru teenna aka sorio Waaqaa baasu malle, maqa Yesotiini; akasi jechaani hojja ch'ufa qonqo teennaani maqa isaa faarsina.


Qaalluuni keenna guddaani nama laafinna keennaa nahu diduniti; ammo nu qaallu gudda, ka akuma keenna kara ch'ufaani ilaalatani, ammo daba intolchiini qamna.


Maro waan kanatifi anini Aabbo durati jilbifad'a,


ammo nami bisaani anini kennu d'ugu haga jiru jireennale deebie ind'eebotu. Wonti akanatiifi bisaani anini kennu suni isa keesa maddani burqa tahani, haga jiru jireennale deebie ind'eebotu.


Yesoni waan jed'eeni, Yo sila atini galata Waaqaa beete ammalle nama bisaani si kad'atu kana beete, bisaani jireenna isa kad'atta.


Anini ammo dubbi d'uga isaniti hima: aka anini deemuti ira isani jira. Wonti akanatiifi yo anini indeemini, Qarqaarsi kaani isanii ind'ufu. Ammo yo anini deeme, anini isa isanii erga.


Yudani bannaani Yesoni waan jed'e, Amma guddinni Ilma Nama la mullate, guddinni Waaqaleeni la isa keesa mullate.


Tanaafi nami afaani d'ibiini dubbatu ha Waaqa kad'atuuti, aka Waaqi kenniti afaani deebisani isaa kennu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite