44 Yesoni qonqo olfud'ate waan jed'e, Nami na d'ugefatu, na ind'ugefatu, ammo ka na erge d'ugefata.
Nami isani d'ieesu, na d'ieesa; nami na d'ieesu nama na erge d'ieesa.
D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami nama ani ergu fud'ate, nale ya fud'ate; ammalle ka na fud'atu nama na erge fud'ata.
D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nami dubbi tiyya d'agaye ka na erge d'ugefate, jireenna hegeri qaba. Isa wollaala iti imurani, ammo ya duisa keesa bahe jireenna argate.
Nami daima akana toko maro maqa kiyyatiifi jabeesu naa jabeesa; nami naa jabeesu naa injabeesu, ammo ka na erge jabeesa.
Maro isatiifi isani Waaqa d'ugefattani, ka duisa keesaa isa kaase, guddinna kenneefi; tanaafi d'ugefachaafi abdiini teesanileeni Waaqa ilaalti.
Ato Yesoni Mana Waaqa keesati nama barsiisuu jiru, inni qonqo olfud'ate waan jed'e, Isani d'uguma na beetani? Ammalle fulla anini bahefile imbeetani? Anini ufiini ind'umne, taatule Waaqi na erge ka d'ugaati, isani isale imbeetani.
Waan kana jennaani inni qonqo olfud'ate lalabe, Lazaro, kooti, gabahi jed'e.
Ch'aqasa! Qaroomi nama yaamu jira. Hubachaleeni lalabu jirti.
Ch'aqasi! Qaroomi gabayaafi kara dira keesaleti nama yaamu jira.
Yesoni waan isani jed'e, Yo atini dandeete jetta? Nama d'ugefatu wonti ch'ufti intaati.