Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 12:43 - KITAABA WAAQA

43 Wonti akanatiifi worri saadu Waaqa iraa ta namaa fed'a.

Gade chapit la Kopi




Yohana 12:43
20 Referans Kwoze  

Isani akami dandeetani d'ugefattani, ka guddinna wolira argattani, ammalle guddinna Waaqa tokocha iraa d'ufu barbaadu diddani?


Anini guddinna nama iraa imbarbaadu.


Ammo Yesoni waan worraani jed'e, Isani worra nama durati ufi d'ugeesu, ammo Waaqi garaa keesani imbeekha; wonti akanatiifi waan nami waan guddo wo namaa baatu sehu Waaqi woma insehu.


Nu nama nu faarsu, isanifi nama d'ibile imbarbaanne,


Wonti akanatiifi nami, yo Waaqi waan isaa dansa heregu ch'alla dansa taha, yo inni waan ufi dansa hereguuniti.


Tanaafi yo hiyyeesa qarqaartu, magalata ufi durati ind'aiini, aka nami kiyyibaani Maneeni Waaqa iti kad'ataniifi kara keesati tolchu, aka nami sila worra guddisu. D'uguma waan anini isaniini jed'u, Worri suni gati ufi ya argate.


Tanaafi ato hojjaani ingahiini nama tokole inqorina. Qorsumaani muumme gaafa Aabbooni mullatu taati. Inni waan d'ossaniifi herega garaa nama ch'ufa diidati baasa. Gaafasi nami ch'ufti faaru inni argachu male Waaqa ira argata.


Nami sila na hojatu ha na gula d'ufu; fulla anini jiru hojattuuni tiyyaleeni jirti jira. Nama na hojatule Abbaani kiyya inguddisa.


Yesoni waan jed'eeni, Yo anini ufi saade, saaduuni tiyya woma imbaatu. Ammo Aabbooti na saada, ka isani Waaqa keenna jettaniini.


Inni waan jed'eeni, Aka dansa tolchite, atini garbicha dansa! Waan atini nama d'uga taate waan diqo guuteefi dira kud'ani mohad'u.


Tanaafi anini, AABBO Waaqi Israeli, waan jed'u: Anini duri aka worraafi gochiti tante haga jiru jireenna qaallu naa tatu kakhad'e. Ammo anini amma aka suni ya dide! Anini amma nama na guddisu guddise ammo nama ch'eera naa d'abu tufad'a.


Ammo mid'aagumti teesani ta garaa keesa tahinna, mid'aaguma lubbu laanafi obsa ta injaare; tunini Waaqa durati waan guddo.


Nami gari waan dansa tolcheti guddinnaafi ulfinnafi jireenna ind'umanne barbaadata: nama akana kana Waaqi jireenna hegeri kennaafi.


Nami ch'ufti dureesafi hiyyeesileeni isa durati gajejed'a.


Sauloni waan jed'eeni, Anini yayu ch'ubbu tolche, ammo hataatuti atini jaarole gosa tiyyatifi worra Israeli ch'ufa durati na inch'eersini na woliini deemi, aka anini AABBO Waaqa kad'ad'u.


Nami waan isa ka nami d'ibiini isa duuba dubbatu sodaatu gaargala seena, ammo nami AABBO Waaqa sodaatu gaargala keesaa baha.


Nami qalbi ufiitini dubbatu guddinna barbaada. Ammo anini ka guddinna Waaqa na erge barbaadu ka d'ugaati; ammalle na keesa d'arti injirtu.


ammo Yahudiini d'ugaa nama garaani isaa d'ugumaani Yahudi tahu, ka garaani isaa qabanqaba qabate, wonti kunini huji Lubbu Waaqati, huji Seera t'aafaniitiniti. Nami akana kunini Waaqa iraa ulfinna argata nama iraa inargatu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite