Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 12:34 - KITAABA WAAQA

34 Gumiini waan jetteeni, Nu yayu Seera keesati soomne aka Kristoni haga hegeri tau. Atini akami Ilma Nama lafa tana olfuud'u malani jette re? Ilmi Nama kunini eennu kana?

Gade chapit la Kopi




Yohana 12:34
26 Referans Kwoze  

Jabeenni inni namaani fidu inhobau, lafti inni fidu yo ch'ufa nagaya qabdi. Inni barch'uma Daudi, ka hayyuma, ira tae nama fida; inni d'ugaafi qajeelumaani nama fida, haga ammatiifi haga hegerile. AABBO Waaqi guddaani waan suni guutu male illakisu.


Jennaani jabeennafi ulfinnaafi irre inni woini fiddu isaa kennani, aka nami gosafi d'alootafi afaani afaani dubbatu ch'ufti isa hojatu. Jabeenni isaa haga jiru jireenna taa, finna isaa muumme inqabu.


AABBO Waaqi ya kakhate, kakhu suni guutuu male intau: inni waan jed'e, Atini haga jiru jireenna aada Melkizedeki gula qaallu taata.


Jabeennafi guddinna lafa hayyuuni fidu ch'ufa gumi Waaqa guddati kennani. Finni worra ka jiru jireennati, nami lafa mohate ch'ufti worraa hojate saalfatafi.


Bara hayyooti suni lafa fiddu Waaqi gubbaa finna haga jiru jireenna ind'umanneeni d'ufa. Finna suni dandaani indabsatani, ammo inni finna d'ibi ch'ufa balleese haga jiru jireenna mohata.


Nami mana naa jaaruleeni isuma anini ammalle hayyuma isaa haga jiru jireenna iraa infuud'u.


Tanaafi akuma daba nama toko gula wollaala nama ch'ufati murani, akasuma hujiini dansaani toko, ta nami toko tolche, nama ch'ufa baafte jireenna kennitiifi.


Worri naafa, ammalle worra isaani ira fago jira, ammo anini worra hafe suni qarqaare gosa guddo tolche horsiisa. AABBO Waaqi armaa achi haga jiru jireenna gaara Sioni irati worra fida.


Haga inni jiru d'ugaani ha jiraatu, haga lafti ifsa jiaa qabdu nami ha woi horatu.


Nu imbeenna aka wonti Seeri jed'u ch'ufti waan worra Seera jala jiruuni jed'ani, aka malte nama ch'ufa d'owani lafa ch'ufaa qorsuma Waaqa duraani d'ufani.


Wonti kunini ch'ufti aka dubbini Seera worraa keesati t'aafani ta, ufumaa na jibbani jettu guutamtu.


Anileeni, yo lafa tana oli na fuud'ani, nama ch'ufa ufiti hirkisa.


Yesoni waan worraani jed'e, Seera keesani keesati waan t'aafani Waaqi waan jed'e, Isaniini ch'uftinu Waaqoota.


Isa qabani, wollaala iti murani, ijeechaa geesani. Nami tokoleeni waan isa tolchani suni iyyaalle. Isa maro daba gumi teennatifi ijeesani.


Yesoni Yerusalemu seennaani diri ch'ufti wolti kae. Kuni eennu? jed'ani.


Duuba Yesoni lafa Kaisaria Filipi d'umnaani, jara isaa gaafate waan jed'eeni, Biyyiti, Ilmi Namatiini eennu jetti?


Yeso waan jed'eeni, Geedalti goda qabdi, simpirreleeni mana qabdi, ammo Ilmi Nama fulla mata ufi keyatu inqabu.


Tanaafi Yesoni waan jed'e, Eegi Ilma Nama fanniftani, gaafasi beetani aka ani d'uguma Isuma; ammalle aka anini ufumaani wo intolchine, ammo waan Abbaani na barsiise ch'alla dubbad'u beetani.


Ammo Yesoni haga hegeri jira, duuba hujiini isaa ta qaalluma nama d'ibiti indabartu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite