Jennaani inni kae deeme. Namicha sangisisani toko jira, ka lafa Sidaama. Inni nama gudda ka hayyiti Sidaama ta Kandake jed'ani jala hojatu, ka hori isii qorqoratuufi. Inni Yerusalemu d'ufe, aka Waaqa kad'atu.
D'iiro, gosa Israeli, nu qarqaara! Namichi kunini sunuma, ka nama ch'ufa fulla ch'ufati barsiisu, aka gosafi Seerafi Mana Waaqaa kana tuffatani. Ammalle nama gosa Griki Mana Waaqa kanaani d'ufe, fulla qulqullo tana t'ureese.
Pauloni dira Derbefi Listra d'ufe. Nama Yeso tokoti jira, ka Timotheo jed'ani: inni ilma niiti Yahudi toko ta d'ugefatte, ammo abbaani isaa gosa Griki.
Akuma suni Ikonio keesati worri lachu mana Waaqa iti kad'atani ka Yahudi olduude, ammalle maro dubbi worraatiifi gumiini guddooni ta Yahuditiifi ta Grikileeni d'ugefatte.