48 Yo akanati lakimne, nami ch'ufti isa d'ugefata, duuba Rumiini d'ufte Mana Waaqaatiifi gosa teenna balleesiti!
Nu ya aka isani maqa kanaani imbarsiimne isaniti seereeyu? Ammo isani ya Yerusalemu dubbi tanaani guuttani, ammalle d'iiga nama kana mata keenna ira kayu feetani!
Gaargala keesani, jara Seera beekhu! Fura balbala qorsuma fuutani; ufii seenu diddani, nama seenu fed'ule d'owartani.
Mid'aani daandi keesa jigani suni jara dubbi d'agaye fakaatani, ammo ka eege Sheet'ani d'ufe dubbi garaa isaani keesaa baasu, aka d'ugefatani imbaafamne.
Gumiini ch'ufti waan jette, D'iigi isaa mata keennafi ka ijoolle teenna gubba jira.
Hayyuuni guddo dalane, askarti ufi erge, worra nama ijeese suni ch'ufa fit'e dira worrale gube.
Inni waan d'uga himu d'ufe, aka ifsa suni d'ugeese nami ch'ufti dubbi isaa gula d'ugefatu.
Kara dira gula yaa, namuma gartani yaama.
Isani waan jibbani, ta nama rifachiisa, ta fulla qulqullo ejitu, ta raagi Danielini waan isii dubbate ya argitani (nami soomu ha hubatu)