42 Ammalle aka atini guyya ch'ufa na d'ageetu ani imbeekha, ammo maro gumi arma marsite ch'iiftu tanaafi anini waan kana jed'a, aka isiini aka atini na ergite d'ugefattu.
Gaafa lafa jiru, Yesoni qonqo guddofi imimaaniini aka male Waaqa kad'ate, ka dandae duisa keesaa isa baasu. Waan inni Waaqa sodaateefi Waaqi isa d'agaye.
Waan seeri maro laafinna nafatiifi tolchu dad'abe, Waaqi ya tolche. Inni daba nafa nama keesa jiru wollaala iti mure, Ilma ufi erge, ka nafa namatiini d'ufe sorio daba balleesitu tahe.
Yesoni waan jed'eeni, Yo sila Waaqi Abba keesani tahe, isani na jaalattani; wonti akanatiifi anini gara Waaqaati bahe, yaaduma kiyyaani ind'umne, ammo isati na erge.