26 Nami ato jiru na d'ugefatu haguma jiru induu. Atini akasi d'ugefatta?
Anini jireenna hegeri kennaafi, isiini haga jirtu indootu; nami tokoleeni harka kiyya keesaa imfud'atu.
Wonti akanatiifi yo fed'i nafa keesani gula deemtani indootani; ammo yo Lubbuuni nafa keesani ijeeftani injiraattani.
D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nami dubbi tiyya d'agaye ka na erge d'ugefate, jireenna hegeri qaba. Isa wollaala iti imurani, ammo ya duisa keesa bahe jireenna argate.
Isii Filipo, aka anini Abba keesa jiru, Abbaaleeni na keesa jiru ind'ugefanne? Dubbini anini isaniini jed'u yaada kiyyaani injed'u. Ammo Abba na keesa jiruti huji ufi tolfata.
ammo nami bisaani anini kennu d'ugu haga jiru jireennale deebie ind'eebotu. Wonti akanatiifi bisaani anini kennu suni isa keesa maddani burqa tahani, haga jiru jireennale deebie ind'eebotu.
Inni mana olseennaani jari ballaani kaani gara isaa d'ufe. Yesoni waan worraani jed'e, Aka anini waan kana tolchu dandau ind'ugefattani? Jari, Ee Aabbo ind'ugefanna jed'eeni.
Yesoni aka alati isa gussani d'ageennaani barbaade waan jed'eeni, Atini Ilma Nama d'ugefatta?
Yesoni waan isani jed'e, Yo atini dandeete jetta? Nama d'ugefatu wonti ch'ufti intaati.
Atini aka yo anini Aabbooni, Qarqaarsa na ergi jed'e, inni duula kud'ani lama ka malaika na ergu imbeetu?
D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami d'ugefatu jireenna hegeri qaba.