35 Boriyya ato Yohanani jara ufi nama lama woliini jiru;
Jennaani biyyiti AABBO Waaqa d'eetu woliini haasoofte, AABBO Waaqi waan worri jed'e ch'aqase dubbi worraa d'agaye. Isa durati kitaaba toko t'aafani, ka waan worra AABBO Waaqa d'eete isaa saalfatule, keesati t'aafani.
Boriyya Yohanani Yeso gara isa d'ufu jiru arginaani waan jed'e, ilaala, ilme hoola Waaqa, ta daba nama lafa ch'ufa fud'attu.
Boriyya Yesoni kae, Galilaya d'aqu fed'e. Filipo arginaani, Na gula kooti jed'eeni.
Guyya sadeeso dira kana, ka lafa Galilaya keesa, fuud'a jira. Haati Yesoleeni achi d'at'e.