32 Ammalle Yohanani d'ugeese waan jed'e, Anini Lubbu ta aka sabaliisa jirtu, ta gubba gadi buute isa gubba teetu arge.
Lubbuuni Qulqullooni ta bifa sabaliisa qabdu isa ira buute, qonqooni gubba d'ufte waan jette, Atini Ilma kiyya, ka anini jaalad'u, guddo na gammachiifta.
Akuma Yesoni bisaani keesaa baheeni, inni gubba banamte, Lubbu bifa sabaliisa qabdu, ta isa gubba buutu, arge.
Eegi Yesoni batiso argate, hojuma suni bisaani keesaa baanaani, gubbaani banamte, Lubbu Waaqa ta bifa sabaliisa qabdu, ta isa ira teetu arge.
Inni waan d'uga himu d'ufe, aka ifsa suni d'ugeese nami ch'ufti dubbi isaa gula d'ugefatu.
Ammo nama na d'ugeesu toko jira, d'ugeesani inni na d'ugeesu tama d'ugaati, anini imbeekha.
Lubbuuni AABBO Waaqa isa gubba teete, qaroomafi beekhaafi qalbi namaani fidani isaa kenniti. Inni fed'i AABBO Waaqa beekhe isa guddise, isa sodaate,
Anini qara isa imbeekhu, ammo anini aka inni Israeliti mullatuufi bisaaniini nama batisu d'ufe.