3 Waan ch'ufa Waaqi isaani uume, wonti tokoleeni ta isa male uumamte injirtu.
nu Waaqa toko ch'alla beena; inni Abba, ka waan ch'ufa uume, nu isaafi jiraanna; ammalle Aabbo toko ch'allati jira, Yeso Kristo, ka wonti ch'ufti isaani uumamte, nuleeni isaani jirru.
Aabboofi Waaqa keenna! Atini Guddinnaafi ulfinnafi jabeenna argachu malte. Atini waan ch'ufa uumte, fed'i teetiini wonti ch'ufti uumamte jireenna argatte jed'ani.
AABBO Waaqi jecha isaatini gubba uume, aduufi jiaafi urjile dubbi ufiitini mid'aase.
Jennaani Waaqi waan jed'e, Koota, nama mid'aasina fakeennafi akheekha keenna gula, aka inni qurt'umi baariinitifi waan gubbaa barisa ch'ufafi horifi bineensa allaatiifi waan garaani lafa ira lohu ch'ufale mohatu.
Inni qara lafa jira. Lafti isaani uumamte, ammo lafti fuula isaa imbaranne.
AABBO Waaqi gubba uume — Waaqi isuma! Inni lafa supe mid'aase, jabeese waan ind'umanne tolche. Inni lafa duwa imid'aasine, ammo fulla nami iti galu tolche. Ammalle inni waan jed'u, Anini AABBO Waaqa, waaqi d'ibiini injiru.
Nami lafa mid'aase nama isi irati uume anuma. Harka kiyyaani anini gubba dirirse aduufi jiaafi urjileeni harka kiyya keesa jirti.
Atini duri lafa uumte harka keetiini gubba mid'aasite.
ammalle aka nami ch'ufti mala Waaqa ka d'ossani amma guutani argu. Waaqi, ka waan ch'ufa uume, duri mala ufi d'ofate,
Gaafa qaraa fiit'e, Waaqi lafafi gubba uume.
Anini huji suni keesale akuma ogeesa isaa wahelche. Gammadi isaa ka guyya ch'ufa naraa baha, aninileeni hojja isa woliini jiru ingammada.
Inni qara Waaqa woliini jira.
D'ugefachaani, aka lafti dubbi Waaqatiini uumamte beenna, aka wonti nami ilaani argu waan nami ilaani ingarre keesaa baate.
Nami aka Yesoni Kristo d'ugefatu ch'ufti ijoolle Waaqa; nami abba jaalatu ch'ufti ilma isale injaalata.
Gara malaika gumi Laodikia waan kana t'aafi, Tunini dubbi Amini jed'u, inni ka d'ugefataniifi ka d'ugaati, Waaqi waan ch'ufa isaani uume.