Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 1:29 - KITAABA WAAQA

29 Boriyya Yohanani Yeso gara isa d'ufu jiru arginaani waan jed'e, ilaala, ilme hoola Waaqa, ta daba nama lafa ch'ufa fud'attu.

Gade chapit la Kopi




Yohana 1:29
65 Referans Kwoze  

Isa aka hama dabsani gaargalchani, ammo inni woma tokole indubbanne. Inni akuma ilmaani hoola, ta qalma deemaninifi akuma hoola rifeensa iraa ch'irani, ch'allise ufumaa eje.


Maro huji isaatiifi daba keenna nu araaramani, keenna ch'allaaniti ammo ka nama lafa ch'ufale.


Isani imbeetani, Kristoni aka daba ch'ufa fud'atuufi d'ufe, ammo dabi isa keesa injiru.


D'iiga Kristo ka guddo gati qabuti isani bite, ka aka ilme hoola bobotolefi miid'ama tokole inqamne.


Kristoni daba inqabu, ammo Waaqi maro teennaafi isaa daba tolche aka nu maro Kristotiifi d'uga Waaqa argannu.


Kristoni daba keenna maskaliti baate, aka nu dabaani doone d'ugaani jiraannu. Madaa isatiini isani fayyisani.


Inni ifsa guddinna Waaqatiini biliqa, akuma Waaqi jiru innileeni jira, waan uumani ch'ufa dubbi jabeenna isatiini olqaba. Eegi daba nama iraa qulqulleese, inni gubba harka mirga ka Waaqa Guddinna gubba tae.


Eegi guddo gaargale inni deebie gammada argate, aka gaargali isaa sunini wo namaa bahu beekha. Hojattuuni tiyya dansaani, ta guddo na gammachiiftu, ch'ubbu nama heddu fud'ata, aninileeni maro isaatiifi worraa araarama.


Jennaani anini ilme hoola ta beesisa torbaani woraqatani ch'ufani keesaa ka qara ch'absitu arge. Jennaani waan lubbu qaba kaani toko qonqo aka mandiisutiini kooti jettu d'agaye.


Oboleyaani teenna d'iiga Ilme Hoolatiifi d'uga worri odeesuuni isa dabsatte; worri kurfo jira aka jireenna ufi baase duu.


Ammo Kristoni, ufi abaarsa nu tahe, abaarsa Seeri nutiini d'ufu jala nu baase. Akuma t'aafiini jettu, Nami mukha irati fannisani ya abaarame.


Yeso deemu jiru millate waan inni jed'e, Ilaala ilme Hoola Waaqa!


wonti akanatiifi Ilmeeni Hoola ta jiddu barch'uma guddinna jirtu worraa tissite, gara bisaani jireenna geesiti; duuba Waaqi imimaani ch'ufa ila worra iraa haaqa.


Fullaani inni t'aafi keesa soomu tana, Akuma hoola qalani ijeechati isa geesani, ammalle akuma ilmeeni hoola ta abbaani rifeensa iraa ch'iru ch'alliftu, akasuma ch'allise.


Ilma Hoola inhad'ani ammo Ilme Hoolatiifi jari d'uga ka isii gula yau, ka isiini fohate yaamte worra dabsata, waan isiini guddo abbooti ch'ufatiifi, hayyu hayyoota ch'ufa tatefi.


Sirba Musa hojattu Waaqatiifi sirba Ilme Hoola sirbu jirani: Aabbo, Waaqa Gudda, wonti atini tolchitu ch'ufti waan mamaati! Karaani kanke ka d'ugaati ammalle qajeela!


Jennaani anini millannaani Ilme Hoola ta garaa Sioni jed'ani gubba ejitu arge. Isa woliini nama kunki d'iba tokotiifi afurtami afuriti jira, ka maqa isaatiifi maqa Abba isaa adda gubba qabu.


Anini waan jed'eeni, Anini imbeekhu, siti beekha. Inni waan naani jed'e, Kunini worra nagayaani gaargala jala bahe. Worri woya miich'ate d'iiga Hoolatiini adefate.


Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.


Jennaani malaikaani waan naani jette, Waan kana t'aafi: Ayyaana worra fuud'a Ilme Hoolati yaamani. Malaikaani waan jette, Tunini dubbi d'uga ta Waaqi dubbate.


inni daad'i dalansu Waaqa d'uga, ta ato ilaafisiini mudunu dalansu isati naqani! Ammalle ibidafi qanqeeni fuula malaika qulqullofi Ilme Hoola durati isa gaargalchani.


Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.


Wonti akanatiifi Waaqi guddo lafa jaalate, tanaafi Ilma ufi tokocha namaa kenne, aka nami isa d'ugefatu tokoleeni imbanne, ammo jireenna hegeri argatu.


Gammanna, qilit'amna; guddinna isaa faarsina. Hojjaani Ilmeeni Hoola dubra fuutu ya geete, intalti inni fuud'u ya kurfefatte.


Worri suni nama nad'eeniini ufi int'ureesiini, ka taka nad'eeni imfuud'iini. Fulla Ilmeeni Hoola deemtu ch'ufa gula deemani; ya nama lafa ch'ufa keesaa worra baasani, ammalle worri suni worra qara ka Waaqafi Ilme Hoolati baasani.


Isiini akasi tolchinaani wonti lubbu qaba afraani kaanifi, jaaroleeni diddami afuri taani Ilme Hoola durati jidde. Worri ch'ufti kiraarifi qori hit'aana ta kad'acha gumi Waaqa harka qaba.


Yeso Kristoni, d'ugaani d'ugefatani, Ilmi angafa ka duisa keesaa kaasani, ka hayyu hayyoota lafa tana, eebafi nagaya isani kenninna. Inni nu jaalata, ammalle d'iiga ufitiini daba keesaa nu baase,


Malaika torbaani, ta qori torba ta gaargala torba qabdu keesaa toko, gara kiyya d'ufte waan naani jette, Kooti, anini intala fuud'a sii garsiisa, niiti Ilme Hoola.


Gaareenifi d'akhaye yaamani waan jed'ani, Nurati jiga, ila nama barch'uma hayyuma gubba taufi dalansu Ilme Hoola dura nu d'ossa!


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


Ammo wonti t'uri qaba tokoleeni keesa inseentu, yokhaani nami waan ch'eera tolchuufi ka d'ara dubbatuleeni. Worra maqa isaani kitaaba jireenna ka Ilme Hoola keesati t'aafani ch'allati seena.


Jaalalti tana: waan nu Waaqa jaalannefiiniti, ammo waan inni nu jaalate, Ilma ufi nu erge, akanaani maro huji isaatiifi daba keenna nu araaramani.


ka nafa ufii kenne akasiini nama ch'ufaa baasu. Guyyaani geennaani, dubbi suni ya d'ugeesani.


Dubbi jabdu ta nati odeesani anileeni isaniti dabarse: ta Kristoni maro daba keennatiifi due jettu, akuma t'aafi keesati t'aafani;


akuma Ilmi Nama, aka nami isa hojattufi ind'ufiini, ammo aka namaa hojate, jireenna ufi maro nama heddutiifi baasu d'ufe.


Jennaani anini Ilme Hoola, ta jiddu barch'uma guddinna ejitu arge ta waan lubbu qaba afraanifi jaaroleeni marsite. Ilmeeni Hoola waan ijeesani fakaatti. Gaafa torbaafi ila torba qabdi; isileeni lubbu Waaqa torbaani ta lafa ch'ufati ergani.


akasuma Kristole maro toko sorio baasani, aka daba nama heddu baasu. Inni maro lameesole indeebia, aka daba balleesuuniti, ammo aka worra isa eegatu baasu.


Aka d'aloota hama kana keesaa nu baasu Kristoni maro daba keennatifi ufi baase, fed'i Waaqa Abba keennati guute.


Maro isatiifi nami d'ugefatu ch'ufti waan ch'ufa keesati d'uga argata, ka duri Seera Musa gula nami d'uga argachu indandeenne.


Isiini ilma deeti, duuba atini maqa isaa Yeso baasi, wonti akanatiifi inni gumi ufi ch'ufa daba keesa baasa.


Naabo d'akha ka dira d'akhaye kud'ani lama irati ijaarani, d'akha suni gubbati maqa ergattu Ilme Hoola kud'ani lamaani t'aafani.


Tanaafi inni kara ch'ufaani, akuma oboleyaani isaa tahu male, aka qaallu gudda ka d'ugatiifi ka naasu, huji Waaqa keesati tahe daba namaa araaramu.


Isani maanifi sorio dabaani ufi iraa baasani fulla Woyyumati inyaatina? Sorioni suni guddo qulqullo, ammalle yayu AABBO Waaqi isanii kenne aka ch'ubbu gumi iraa fuud'ani, akasiini worraa araaramani.


AABBO Waaqati deebia, dubbi dansaani waan jettaniini, Ch'ubbu teenna ch'ufa nuu araarami, kad'acha teenna ch'ufa nuu d'agayi, duuba akuma qara jenne kaani si faarsina.


Harunini ha addati keeyatu, aka anini AABBO Waaqi, waan worri Israeli naa baasu ch'ufa, ato worrileeni waan baasu suni keesa wollaala tolchele, ee jed'e fud'ad'u.


Armaa achi worra Lawi ch'allati Waaro Woyyuma qorqorate huji isii ch'ufa fud'ate tolcha. Kunini seera haguma jiru tau ka ilmaani teesanileeni ch'ufti gula yau malte. Worri Lawi Israeli keesa d'aala womatu inqabu.


AABBO Waaqi waan Harunini jed'e, Siifi ilmaani teetifi gochiti Lawi ch'ufti gaargala, wollaala huji Waaro Woyyuma gula d'ufu ch'ufa, fud'achu maltani; ammo siifi ilmaani tante ch'allati gaargala, wollaala huji qaalluma gula d'ufu, fud'ata.


AABBO Waaqi waan jed'u, Inni fed'i tiyya gula gaargale; duisi isa sorio dabaani namaa araaramani. Duuba akanaani inni lubbu bule ilmaani isa ch'ufa arge, fed'iini tiyyaleeni isani guutamti.


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Gaafa guyyaani suni gahe, madda ilmaani Dauditifi worra Yerusalemu dabafi t'uri iraa qulqulleesitu banani.


Boriyya ato Yohanani jara ufi nama lama woliini jiru;


Boriyya Yesoni kae, Galilaya d'aqu fed'e. Filipo arginaani, Na gula kooti jed'eeni.


Guyya sadeeso dira kana, ka lafa Galilaya keesa, fuud'a jira. Haati Yesoleeni achi d'at'e.


waan niiti taaniini jed'e, Maro dubbi tantetiifi ind'ugefanne, ammo maro nu gurra keennaani d'ageenneefi d'ugefanna, akasiini aka inni d'uguma Qarqaarsa lafa ch'ufa beena.


Anini qit'a jireenna ka gubbaa gadi d'ufe. Yo nami qit'a suni nyaate haga hegeri jiraata. Ee, qit'aani anini maro jireenna lafatiifi kennu sunini fooni kiyya.


Jennaani Musani bofa sibiila diima iraa mid'aase mukhati fannise aka sila, nami bofi nyaate ch'ufti bofa sibiila suni millate fayyu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite