Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 1:12 - KITAABA WAAQA

12 Ammo nama isa fud'ate maqa isaa d'ugefate ch'ufa inni jabeenna kenne, aka ijoolle Waaqaa tahani.

Gade chapit la Kopi




Yohana 1:12
27 Referans Kwoze  

Wonti akanatiifi maro d'ugefachatiifi isani Yeso Kristo keesa ilmaani Waaqa taatani.


Worri Lubbu Waaqa gula yau ilmaani Waaqaati.


Haga Abbaani nuu jaalate ilaala! Jaalati isaa waan guddo, tanaafi ijoolle isaa nuuni jed'ani, nuleeni akasuma. Wonti nami lafa nu imbeenneefi waan Waaqale imbeenne.


Waaqi aka, aka nu ilmaani isaa agarsiisu, Lubbu Ilma ufi erge garaa keenna ke kaye, ta Aabbo, Aabbo kiyya jettu.


Nama isa d'ugefatu wollaala iti imurani; ka ind'ugefanne iti murani, waan inni maqa Ilma Waaqa tokocha d'ugefachu dideefi.


Waan isani Kristo Yeso Aabbo keesani tolfattaniifi, isa keesa taa.


Nami isani d'ieesu, na d'ieesa; nami na d'ieesu nama na erge d'ieesa.


maqa kanke mana kiyya keesafi gumi tiyya keesaleti inuma qaabatani, haga nama ilmaani d'iiratifi ta dubra qabule ira. Haga jiru jireenna si inded'ani.


Ammo haga kana ya t'aafani, aka isani aka Yesoni Kristo Ilma Waaqa d'ugefattani, d'ugefannaani aka maqa isatiini jireenna argattani.


Ammo ato akasile taate, worri Israeli hore aka maansa baariini lafa ira dabra, ka nami dandae inhenne. Qara Waaqi, Isani nama kiyyaniti jed'eeni, ammo guyyaani ind'ufa, ka inni, Ilmaani Waaqa jiru jed'uuni.


Kara kanaani, inni ya kakhu dansa, ta guddo wo nu baatu nuu kenne, aka eegi waan inni kakhate argattani, d'araa badi, ta lafa tana keesa jirtu, duraa baatani, Waaqa fakaattani, jireenna isaa qoodattani.


Gochiti ch'ufti maqa isaa abdatti.


Wonti inni fed'u tana: aka nu Ilma isaa Yeso Kristo d'ugefanne, aka Kristoni nuti hime woljaalannu.


AABBO Waaqi waan jed'u, Israeli anini ilma isani tolfad'e, lafa dansa lafa ch'ufa iraa mid'aadu isanii kennu fed'e. Ammalle waan isani aabbo nani jettanifi waan isani deebitani naraa gortani inseenne.


Jabeenna maqa isati namicha naafa kana fayyise. Waan isani argitani d'ageettani kana jabeenna maqa isaatiini tolchani. D'ugefacha inni Yeso d'ugefateti namicha kana isani durati fayyise.


Inni gosa Yahudi ch'allaa induu, ammo aka gumi Waaqaa ta gargari firfirfamte wolti deebise taka tolchuufi dua.


Inni waan d'uga himu d'ufe, aka ifsa suni d'ugeese nami ch'ufti dubbi isaa gula d'ugefatu.


Nami maro maqa kiyyatiifi daima akana fud'atu ch'ufti na fud'ata.


Ato Yesoni Yerusalemu jiru, gaafa Jila Pasaka jed'ani, nami hedduuni akheekha inni tolche arginaani, maqa isaa d'ugefate.


Inni lafa ufiti d'ufe, ammo gochi isaa isa dide.


Lubbuuni Waaqa lubbu teennaani taka taateti, Worri kunini ilmaani Waaqa jette nu d'ugeesiti.


Uumami ch'ufti haga Waaqi ilmaani ufi mullisuuti abdi guddooni eega.


Jaallani tiyya, nu amma ijoolle Waaqati, ammo ammalle waan iti yaanu aka dansa imbeennu. Ammo waan kana imbeenna: Yo Kristoni mullate nu aka isaa taana waan nu aka inni jiru arginufi.


Maro waan kanatifi ijoolle Waaqatiifi ijoolleeni Sheet'ana gargari gorti: nami d'uga intolchine yokhaani ka oboleesa ufi injaalanne ch'ufti ka Waaqaatiiniti.


Atini yayu worra Israeli haga jiru jireenna nama kanke tolfatte ammalle atini ee AABBO Waaqa, yayu Waaqa worraa taate.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite