Anini ammalle nama mana ufii kore adufi jiafi urji kad'atu imballeesa. Ammalle nama na durati maqa kiyyaani gajed'e kakhate ammo eegi suni garagale maqa waaqa Milkomu jed'aniini kakhatule balleesa.
Jennaani inni ch'icha Mana Waaqa na geese; anini d'aatu balbala Mana Waaqaa, waan sorio irati baasanifi kara jiddu keesa, nama d'iira diddami shani arge. Worri Mana Waaqa dudda iti gale ilaboruti fuula deefate, gajejed'e, biiftu baatu kad'ate.