Yeremia 7:4 - KITAABA WAAQA4 Dubbi d'ara tana, ta nami deemu ch'ufti kunini Mana AABBO Waaqa, kunini Mana AABBO Waaqa jed'u, ind'ugeefatina. Gade chapit la |
Qonqo tana gara worra boojiani Babiloni geesaniti ergi waan jettuuni: Wonti Shemaya ka AABBO Waaqi jed'u tana: Anini, AABBO Waaqi, Shemayaafi d'aloota isaa ch'ufa ingaargalcha. Anini isa inergine, ammo inni raaga ufi tolche, isanii fage, dubbi d'ara isani d'ugefachise. Inni gosa teesani keesaa bada, ilmaani inhoratu, yokhaani waan dansa ka anini gumi tiyya tolchu inargu; wonti akanatiifi inni worraani, Waaqa dida jed'e barsiise. Nami dubbi suni jed'e ana, AABBO Waaqa.