3 AABBO Waaqa keenna nuu kad'ad'i, aka inni waan nu taanufi gara nu deemnu nuti himu.
Waan tolchitu ch'ufa keesa AABBO Waaqa qaabad'u, duuba inni kara si qajeelcha.
Ee AABBO Waaqa, kara kanke na garsiisi, duuba anini jabaad'e d'uga tante gula deema; aka anini garaa tokooni si hojad'u herega kiyya ch'ufa qajeelchi.
iti yaate waan jettu, Koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre Mana Waaqa Yakobo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaa gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.
AABBO Waaqi waan gumi isaatini jed'e, Fulla woldeenna karaa ejaanja wo ilaala kara dullachaafi kara iraa dansa gaafad'a! kara suni gula yaa, nagaya argattani. Ammo worri waan jed'e, Hiyo nu kara suni gula iyyaanu.
Jennaani fulluma galaana Ahavati anini seera baase, aka nu ch'ufti ufi agabsine Waaqa kenna durati ufi diqeesine, inni nuufi ilmaani teennafi hori keenna kara nagaya qajeelchu.
waan jettu, koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre, Mana Waaqaa Yakoboo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaani gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, Seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.
gubbati worra ch'aqasi. Daba hayyuutifi ka worra Israelile ch'ufa biraa deemifi waan d'uga worra barsiisi. Duuba, Ee AABBO Waaqa, lafa tante tana, ta atini d'aala worra kanketi kennite, bokaya roobifi.
Ato sila worri yo ch'ufa akana arge! Ato sila worri naa saalfate, seera kiyya ch'ufa jabeese guute, wonti ch'ufti worraafi ilmaani isaanile haga jiru jireenna nagaya taati.
Nami lubbu qabu tokoleeni ka eegi Waaqa jireenna ka ibida keesaa dubbate d'agaye jiraate injira?
Ee AABBO Waaqa, fed'i tante na barsiisi, kara qajeela gula na qajeelchi, wonti akanatiifi nyaapi kiyya heddu.