Yeremia 4:6 - KITAABA WAAQA6 Kara Sioni woli akheekha! Hurrisa, achiti baqad'a, lubbu teesani baasa! AABBO Waaqi hameennaafi badi gara mirgati d'ufuuni jira. Gade chapit la |
anini gosa mirga teetu ch'ufafi hojatu tiyya Nebukadreza hayyu Babiloni yaame, lafa tanaafi nama isi keesa taufi lafa d'aatu jirtu ch'ufa haasisa. Anini gosa Yuda tanaafi gosa worra d'aatu teetule balleese lafa worrale haga jiru jireenna onse waan nami hojja qaabatu ch'ufa iraa rifatu tolcha. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Hojuma suni nami jaa, ka woraana qabu, balbala mirga ta Mana Waaqa ta alaatini gabahe. Worra suni woliini nama toko, ka waan woini t'aafufi waan irati t'aafule harkaa qabu, ka woya boofta keeyatuti jira. Worri kunini ch'ufti d'ufe d'aatu waan sorio irati qalani, ka sibiila diimani mid'aasani, ejaanje.