7 Qaaloleefi raagootafi gumiini ch'ufti ana, Mana Waaqa keesati, dubbi tana jed'u d'ageennaani,
Worri dira suniti mataa gumbo nyaate dubbi namaa qora; qaaloleeni wo nama ira fud'attu male seera nama imbarsiiftu. Raagootileeni beese male woma namaa inhimtu. Duuba worri kunini ch'ufti, AABBO Waaqi nu woliini jira, nu woma intaanu jed'a.
raagooti dubbi d'ara ch'alla fadde; qaaloleeni dubbi worraa gula yaate, gumiini tiyyaleeni waan suni iti quufte. Ammo guyya muumme maani tahani?
Qaallicha Guddafi nami isa woliini jiru ch'ufti, ka goli Sadukayo, guddo ergattu qot'isani,
Qaalole gugurdofi jari Seera beekhu waan dansaa inni tolcheefi ijoolle Mana Waaqa keesati iyite, Ilmi Daudi ha guddifamu jettu d'ageennaani dalanani.
Raagooti isaa kiyyibdole, dubbini worraa d'uga inqabdu; qaaloleeni isaa waan qulqullo t'ureesite seera Waaqa yakite fed'i ufii gula tolchiti.