Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yeremia 22:3 - KITAABA WAAQA

3 Wonti AABBO Waaqi jed'u tana, waan d'ugaatifi ka qajeela tolcha; nama dabsani harka nama dabsu jalaa baasa. Nama gosa d'ibitifi hiyyeeyifi nad'eeni hiyyeeyile gaargalchitani indabsina; ammalle fulla qulqullo tanati nama woma iyyakini infit'ina.

Gade chapit la Kopi




Yeremia 22:3
49 Referans Kwoze  

worra d'aloota Daudi! AABBO Waaqi waan jed'u, Guyya ch'ufa waan tolchitani ch'ufa d'uga gula tolcha. Nama dabsani harka nama dabse jalaa baasa. Yo baasu baatani, wonti hamtuni isani tolchitani kuni dallansu tiyya aka ibida nami dandae ind'aafine bobeesiti.


Hiyo akasiniti; AABBO Waaqi waan dansa nu tolchuu malle ya nuti hime. Wonti inni nuraa fed'u tana: aka waan d'uga qajeeltu tolchani, jaalala ind'umanne nama garsiisani, ufi saadu lakisani Waaqa woliini taani.


Ammo atini ufo dabaati, woma ke ch'alla feeta; atini nama woma iyyakini ijeefte, irrumani gosa te dabsite. Nami dubbi tana jed'e, AABBO Waaqa.


Aadaani Aabbo Waaqi d'ugaafi qajeeltu jed'u tana: aka ijoolle abbaafi haad'a inqamneefi nad'eeni d'iirsi iraa due qorqoratani, ufile hameenna lafa iraa ufi d'owani.


Nami si keesa jiru tokoleeni, ka worra ufiiti saalfatu, injiru. Atini nama gosa d'ibi, ka si keesa tau dabsite, nad'eeni hiyyeeyifi ilmaani hiyyeeyile saamte.


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini qorsumafi isaniti d'ufa, ammalle anini maruma toko worra falfala tolchu taanaani, d'iirafi nad'eeni aada male wolti yaatu taanaani, nama d'ara d'ugeesu taataanaani, ch'ubbicha nama hojattu isaati hori baasu didu taanaani, nama haad'a hiyyeesatiifi hiyyeeyi dabsu taanaani, nama keessuma ulfeesu didu taanaani, ammalle nama ch'ufa ka na insodaanne, d'uga intahuufi.


Lafti Misiri lafa aloo taate, lafti Edomuleeni lafa onte badde taati, waan worri lafa Yuda had'e, nama worraa ka woma iyyakiiniti fit'eefi.


Nami kooru fed'u ch'ufti ha waan na beekhe na hubatufi kooruti; anini d'ugaafi qaajeeluma tolcha. Woni na gammachiisa kana. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Tanaafi worri irre baase, guddinna argate wo horate, gabbate moora baase — ch'ubbuuni worraa haga inqabdu; hiyyeeyi d'uga d'owani, nama woma inqamnele dabsani.


Worri kanke gugurdaani nama d'ugaa dide hattu waheelchu: worri hojja ch'ufa gumbo jaalate waan nama ira nyaatu barbaada. Worri ilmaani hiyyeeyiti indubbatu, yokhaani nad'eeni hiyyeeyi dubbi isii jalaa inqabu.


Seera lafaa ka duri jaaroleeni mid'aasite indiigini, yokhaani oobru hiyyeesale ira infud'atini.


Waaqi ka mana ufii qulqullooti galu, inni abba hiyyeeyi tahe haawaani isiile qorqorata.


ammo keessuma waan inni nama woma iyyakini fit'eefi. Waan kanaafi AABBO Waaqi Manasee araaramu dide.


Yo nami nama gosa isaa ka Israeli hatte tisse tolfate gurgurate hatticha suni ha ijeesani, akanaani hameenna akasi duraa baatani.


Jennaani jaaroleefi gumiini ch'ufti waan qaaloleefi raagootaani jette, Nami kunini maqa AABBO Waaqa keennatini nuni dubbate, tanaafi inni duu himmalle.


nama dansaati malate, nama woma iyyakini ijeecha iti murtu, diqole jaalate iwahelchituufi.


Worri hiyyeeyifi haad'a hiyyeesa fit'e, nama gosa d'ibi, ka lafa teenna keesa taule, hobaase.


Ch'ubbichi daima abba inqamne tisse tolfate, ilmaani hiyyeesaa qabdo fud'ata.


atini haad'a hiyyeesa qarqaaru didde, ammalle ilmaani hiyyeeyile dabsite, waan isii saamte.


Waaqi Israeli dubbate, siidani Israeli waan nani jed'e: Hayyuuni d'ugani lafa fidde seera Waaqa gula deemu,


Waaqi nama keessumafi ilmaani hiyyeeyifi nad'eeni hiyyeeyi waan isii d'owe dabse ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu.


Hojja nami lama jaaroleti woli himate jaaroleeni dubbi qorte, toko d'ugaa murte, kaani wollaala iti murte,


Inni haad'a hiyyeesatifi hiyyeeyile qorqorate dubbataafi: Inni keessuma teennale jaalate beelafi daara baasa.


Hojja dubbi qortani d'uga gula qora; dureesa insodaatina hiyyeesale ira inch'isina.


Worri dira suniti mataa gumbo nyaate dubbi namaa qora; qaaloleeni wo nama ira fud'attu male seera nama imbarsiiftu. Raagootileeni beese male woma namaa inhimtu. Duuba worri kunini ch'ufti, AABBO Waaqi nu woliini jira, nu woma intaanu jed'a.


Haad'a hiyeesatiifi hiyyeeyile ingaargalchina.


Gaargala keesani, jara Seera beekhufi Farisayo. Kiyyibdoole! Qooda kud'anneeso ka gurbi urgotiifi waan d'ibi ka sagaleeni urgesanile Waaqa baaftani, ammo barsiisa isa jajabdu ta Seera diddani, ta aka nagayafi nasufi d'ugaa. Waan kana guutu maltani, ato seera d'ibile indinne.


Nama gosa d'ibi iti ch'ubbamtani indabsina; qaabad'a, aka isanileeni lafa Misirileti keessuma taatani.


Ufi agabsitini d'ugaa ta anini jaalad'u tana: sansalata isani namaani dabsitanifi qaampara isani namaani d'owartani balleesa, nama isani dabsitani gad'iisa.


Sagale teesani nama beela qabuu kenna, hiyyeesa mana inqamne mana keesani bana. Nama qulla yau woya kenna, fiit'a teesani qarqaaru indidina.


Ammo seera kana kenneefi: Dubbi tiyya guuta, duuba anini Waaqa keesani tahe, isani gumi tiyya taatani. Kara anini isani garsiise gula deema, duuba wonti ch'ufti isanii tolti.


Wonti anini akasi tolchufi waan worri kunini na lakise, waaqa d'araati sorio baase, waaqa d'ibi ka worraafi abbooti worraatifi hayyooti Yuda haga d'alate waan isaa imbeenne, sorio baasani, akanaani lafa tana t'ureesani. Worri yayu lafa tana d'iiga nama woma iyyakiniti balleese.


Hojja gaadisati nu dabsani, inni imbeekha.


hiyyeesa dabse saame, qabdo nami iti kennele deebisu dide, ammalle Waaqa d'ara kad'ate, artiti waan ch'eera hamtule tolche,


AABBO Waaqi guddaani waan jed'e, Hayyoota Israeli, isani bara heddu ch'ubbu tolchitani! Ule isani nama d'aantanifi daba isani nama dabsatani suni lakisa. Waan d'ugaatifi ka qajeela tolcha. Deebitani gumi tiyya lafa isaani keesaa ingussina, nami dubbi tana isaniini jechu jiru ana, AABBO Waaqa gudda.


Fulla sirba suni, d'ugaani ha aka lola yaatu, qajeelumtileeni ha aka galaani hojja ch'ufa yau yaatu.


Nama gosa d'ibitifi ilmaani hiyyeeyi indabsina, ammalle woya niiti hiyyeeti qabdo infud'atina.


Worra irre inqamne kana harka nama worra dabsu jalaa baasa.


Inni nama indabsu, yokhaani nama insaamu. Inni qabdo nami hori isa iraa fud'ate iti kenne deebise, beelaa beela baase, ka daara qabu daara baasa.


Waan hamtu jibba, waan dansa jaalad'a, fulla gaadisa korati d'uga jabeesa. Hegeri AABBO Waaqi worra gosa Yusufu, ka armati hafe, innahaafi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite