Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yeremia 2:6 - KITAABA WAAQA

6 Worri, ato anini lafa Misiri keesaa baase lafa aloo ta gamooji lafa d'eebicha ta maansa qabdu, lafa goddu gaargala heddu qabdu, ta nami tokoleeni iti qubate yokhaani imaltule keesa indeemne, keesa worraani deemele, diqole na iyyaalle.

Gade chapit la Kopi




Yeremia 2:6
26 Referans Kwoze  

Inni lafa alooti isa arge, lafa bubbiftu gamoojiti fuud'e qorqorate, akuma ufi jabeesu jabeese.


AABBO Waaqi waan jed'u, Anini AABBO, Waaqa keesani, ka lafa Misiri keesaa isani baase. Isani na male Waaqa d'ibi imbeetani, na male qarqaarsi keesani d'ibiini injiru.


Nami dukana keesa tau yayu ifsa gudda arge worra ardaafi gandidu duisa keesa tatau ifsaani yayu iti mullate jettu.


Jennaani AABBO Waaqi raaga erge worra Israeli tissooma lafa Misiri keesaa baase tisse qorqorate.


Ato isani, AABBO Waaqa kad'anna jettanile, dubbini sunini d'ara.


Qaaloleeni, AABBO Waaqi me? Jette ingaafanne. Qaaloleeni tiyyaleeni na imbeenne. Jaaroleeni na didde, raagootileeni maqa Baalitini wo fadde, waan woma keesa injirre gula yaate kad'atte.


Beeni, Yerusalemu d'aqi, waan nama isii ch'ufaani jettu, AABBO Waaqi waan jed'u, Anini imbeekha, aka atini gaafa kaima na d'ugeefatte, gaafa anini si fuud'e na jaalatte. Atini lafa gamooji keesa na gula deemte, lafa nami takaa infach'aasini.


Nami tokoleeni si iyaamatu, tokoleeni qarqaarsa siraa imfed'atu. Atini ya fuula kanke nu d'ofate, maro ch'ubbu teennatifi nu balleesite.


inni gaargala ch'ufa keesaa worra baase. Nami worra baase malaikaniti, AABBO Waaqa. Jaalalaafi naasu isaatini inni worra baase. Inni qara duri hojja ch'ufa worra qarqaare,


Anini gannaafi guyya dabre qaabad'a.


Yo anini dukana sipe keesa deemule, ee AABBO Waaqa, atini na woliini jirta, tanaafi anini woma insodaad'u. Uleefi harch'umeeni tante na jabeesiti.


Ammo worri Waaqa worra uume, ka gaargala keesale worra qarqaaru, qarqaarsa inkad'atu.


Guyyaani sunini ha gaandidae dukanauti; dumansi ha ira tahe, adu d'osse dukaneesuti.


Woya Eliya sunini bisaani d'ae waan jed'e, AABBO Waaqi Eliya me? Jennaani maro lameeso bisaani suni d'ae, bisaani gargari ch'itani jennaani inni kae gama kaaniti taake.


Gideonini waan jed'eeni, Aabbo Sila wo si gaafachu fed'a, yo d'uguma AABBO Waaqi nu woliini jiraate, wonti kunini ch'ufti maanifi nu d'aqabdi? Wonti mama ka duri inni abbooti teenna tolche, ka nu worra ira d'ageenne — aka inni worra lafa Misiri keesa baase meeti? AABBO Waaqi ya lafa nu buuse harka worra Midianiti nu lakise.


Anini AABBO Waaqa kanketi, ka lafa Misiri fulla atini tisse iti tate keesaa si baase.


Nu waan AABBO Waaqi keenna tolcha nuuni jed'e, tolchine. Duuba gaafa gaareeni Amoriti godaane, gaara Sinaiti kaane lafa aloo ballo nama sodaachiftu keesa dabarre.


AABBO Waaqa keesani guddisa, ato inni dukanaani d'ufe gaareeniti isani ingugufachiimne; ammalle ato inni ifsa isani abdatani dukana sipe intolchine.


Diri isiileeni yayu bade, ona bisaani inqamne ka nami keesa injirre yokhaani ka keesale imbaane tahe.


Aka AABBO Waaqi keesani ganna afurtama kana, lafa aloo ta gamooji tana keesa isaaniini deeme, qaabad'a; inni aka isani ilaalatu gaargala isaniti erge, aka waan garaa keesani keesa jirafi aka isani seera isaa guuttani beekhu.


Gumiini AABBO Waaqa isa didde waan jette, inni woma intolchu. Wonti hamtuni nuti ind'uftu, woraanafi beelale inagaru.


Nami lafa Misiri keesaa isani baase lafa aloo ta gamooji ganna afurtama keesa isaniini deeme, ammalle lafa gosa Amori isanii kenne ana.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite