Ammo worri kunini aka bineensa ala ka qalbi inqamne jira, ka qabisaafi ijeecha d'alate; worri waan inhubanne arabsa. Worri aka bineensa ala balleesani;
Jennaani anini waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, atini waan ch'ufa imbeeta, na qaabad'i, na qarqaari, nama na gaargalchu haalo na baafachisi worra obsite nati illakisini. Qaabad'i, maro tanteetifi na arabsani.