16 Ammo amma isani ufi guddiftani ufi saaddani; ufi saaditiini tunini ch'ufti fullaaniti.
Waan boritini koorte inkiyyibini waan jiddu tanati siti d'ufa imbeetu.
Isani ufi guddisu himmalle! Isani mammaasa, Bukho diqo tokoti woi bukheesa jed'u imbeetani?
Me laala, nama Waaqati ind'eenne, ammo ka hori isaa gudda abdate, nama balleese, akasiini irre horate, irre ufii suni abdatu.
Nami qara, wo sii kenna jed'e, ammo eege si d'owatu dumansaafi bubbe bokaya inqamne fakaata.
Akuma isiini guddinnaafi gammada ufii kennite isanileeni gaargalafi lalefacha kennaafi. Isiini waan ufiini jettu: Anini aka hayyiti taa! Anini niiti d'iirsi iraa dueniti; anini lalefad'e imbohu!
Ammo yo garaa keesani keesa d'iibi hamtuufi ufi jaalala qabaattani, ufi saaddani d'uga ind'areesiina.
Atini, Namu na inargu jette ch'ubbu tante keesati ufi d'ugeefatte. Qalbiifi beekhi kanke si sobe, garaa kanke keesati, Ana male nami aka kiyya injiru ufiini jette.
Ee nama jaba, atini maafi jabeenna keetiini koorta? Jaalalti Waaqaa ta jiru jireennaati.
Wonti lafa keesa jira ch'ufti, d'araa nafatiifi d'araa ilaatiifi finna nami jaalatuleeni gara Abbaati ind'umne, ammo lafuma keesaa d'ufe.