Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yakobo 3:6 - KITAABA WAAQA

6 Arabi aka ibida jira, lafa hameennati, nafa keenna keesa, arabi waan waan ch'ufa t'ureesaati; ka waan jireenna keenna ch'ufa ibida nartitiini gubu.

Gade chapit la Kopi




Yakobo 3:6
62 Referans Kwoze  

Ch'ubbichi kara namaani balleesu barbaada, dubbini isaaleeni gubbde nama balleesiti.


Wonti ala nama seena ka nama t'ureesa injirtu, ammo waan nama keesa bahati nama t'ureesa. [


Dubbini laana dallansu qabaneesiti, ammo dubbini lolaa dallansu owifti.


Jennaani lalabe waan jed'eeni, Aabbo Abrahamu, naa nahi, Lazaro nati ergi aka fiit'e quba isaa bisaani keesa kaye araba kiyya qabaneesu; anini ibida kana keesati gubachuu jira.


Arabi worraa aka bofa hama nama ijeesu jira; dubbini worra aka had'aa buuti jirti.


Worri aka goraade araba ufii qare, dubbi hamtu aka t'iya abbira.


Yo anini d'ufe, waan inni tahe ch'ufa diidati baasa, waan hamtu inni nu tolcheefi kiyyiba inni dubbate! Ammo wonti kunini isa ingeetu; yo oboleyaani d'ufte inni worra ind'ieesu, ammalle jara worra d'ieesu fed'ule d'owe gumi keesaa baasu fed'a!


Nami maqa dansa, ka Waaqi isanii kenne, hameenna dubbatu worruma suni.


Nama d'ara dubbatu barbaadani waan jed'aniini, namichi kunini dubbi hamtu Mana Waaqa qulqullo kanaafi waan Seera Musale dubbachu illakimne jed'a.


Petroni waan jed'eeni, Anania, Sheet'ani maafi garaa kanke keesa seene, atini Lubbu Qulqulloti kiyyibde, hori argatte gama toko hambifatte?


Ammo Farisayooni waan kana d'ageennaani waan jette, Nami kunini gudda jinni, ka Beelzebuli jed'aniini, jinni baasa.


Ammo waan anini amma isaniini jed'u, Nami oboleesa ufiti dalanu qorsuma argachu male. Nama oboleesa ufi arabsu kora iti baasu malani; ammalle nama oboleesa ufi tuffate, Daalle daba jed'uuni, ibida keesa buusu malani.


Worri Israeli waan worra Yudatini jed'e, Ato inni gosa teesanile taate, isani gosa toko ch'alla, nu gosa kud'ani; tanaafi Daudileni isani ira nuti aana. Isani maanifi nu tufattani? Nami qara waan galisa hayyu dubbate nuuniti? Ammo worri Yuda haga worra Israeli ira miira hamate, oowe, dubbi jajabdu dubbate.


Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.


Ifse deebiani si keesati inargani; qonqo intala fuud'atifi gurba fuud'a deebiani si keesati ind'agayani. Daldaltuuni tante duri daldaltu lafa ch'ufa ira jirti, hamaatte atini falfala d'araatiini nama lafa ch'ufa sobde jed'ani.


Nama lafa ch'ufa keesa tau waan mama ka inni fuula bineensa qara durati tolcheeni sosobe. Bineensi kaani nama lafa ch'ufatiini, Akheekha bineensa sheeftiini woraanani ammo induiini kaani fakaatu mid'aasa, guddisa jed'e.


Jawe guddo taani gadigatani! Isiini suni bofa duri kaani, ka Sheet'ana yokhaani Jinni jed'aniini, ka lafa ch'ufa sobe. Isaafi malaika isaa ch'ufa lafati gatani.


Qaraa fiit'e, hubachu maltani, aka guyya eege, nami gari ka d'araa nafa ufi ch'alla fed'u, gadi d'ufu. Isani koblani


Sila worra dubbachu d'owu malani; wonti akanatiifi waan barsiisu himmalini barsiisani, akanaani ollowaani heddu balleesu jirani, aka hori argatani.


Ammalle jiddu teesani keesa namati d'ufa, ka waan hamtu dubbatu, aka gumi Yeso ufi gula deebisu.


Tanaafi AABBO Waaqi waan siini jed'u, Amma lafa keesaa si balleesa. Gannuma kana keesati doota, waan atini biyyaani, Dubbi Waaqa dida jetteefi.


Anini nama fulla ch'ufati, mudamsuuni ya lafa qabate! Koota jara gugurdati himna jed'e, Wolti hasaasu d'agaya. Jaalani tiyya ta nati aantuleeni ch'ufti, badii tiyya feete waan jettu, Hegeri isa somne, qamne, haalo iraa baafanna.


Me ilaala, jabeennaafi guddinni AABBO Waaqa fago mullachu jira. Ibidaafi aari dallansu isaa garsiise, hojja inni dubbatu dubbini isaa aka ibida wo gubdi.


Isani imbeetani, aka nami dubbi Balamu gula bahe lafa Peoriti AABBO Waaqa iraa biyya gorse balleese nad'eeni? Wonti ch'iisa d'ukuba hama kaani gumi AABBO Waaqatini d'ufe suniniti?


Abiyaafi duuli isaa guddo worra Israeli dabsate, askarti Israeli nama kuma d'ibba shani fit'e.


Jennaani Absalomuni waan Ahithofelini jed'e, Mala nu d'ai, waan tolchu malani nuti himi.


Hegeri oboleesafi ilmaafi intalafi niiti atini jaalatufi jaali kanke jabaani si sobe, koota waaqa d'ibi kad'anna (ka isanifi ababooti teesani imbeenne) sini jed'a.


Nad'eeni tunini jila worraa ta sorioti worra yaamte, fulla waaqa worra Moabu iti yaamatani. Worri Israeli sagale worra ta sorio suni nyaate, waaqa worra ka


Qaroomafi hubachaani tunini nad'eeni biyyaa, ta afaanuma ufitini si faraatu, ira si fageesiti.


Isani ch'ufti ka ibida bobeesitani nama d'ibi balleesu feetani, karuma isani namati malatani suniini isani balleesani, AABBUMA Waaqati waan kana tolcha; isani badi hamtu argattani.


Wonti akanatiifi bineensa gosa ch'ufatiifi simpirrefi waan lafa ira loha ka bisaani keesa gala ch'ufa illenjisani, ammalle qarayu la lenjisani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite