Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yakobo 3:15 - KITAABA WAAQA

15 Qalbiini akana tunini fulla Waaqati ind'uftu, isiini ta lafaati, ta nafaati, ta Sheet'anaati.

Gade chapit la Kopi




Yakobo 3:15
30 Referans Kwoze  

Ammo qalbiini gubba gadi d'uftu qara qulqullo, ammalle ta nagaya, ta laana, ta nama ch'aqaftu, ta naasufi mid'aani dansa qabdu, ta tuffifi kiyyiba inqamne.


Galati dansaani ka namaa kennanifi ka namaa baasani ch'ufti gubba gadi d'ufa, fulla Waaqa, ka ifsa gubba uume. Inni injijiramu yokhaani garingalu.


Wonti akanatiifi wonti nami lafa qarooma sehu fuula Waaqa durati woma imbaatu. Akuma t'aafiini jettu, Waaqi nama qaro qarooma isaa keesati t'urura keesa kaya.


Eegeeni worra badi, Waaqi worra d'araa garaa worraati, fulla sila ch'eeru malani ufi saadani, waan lafa tana ch'alla heregani.


Ammo nami Lubbu Waaqa inqamne dandae kenniti Lubbuuni Waaqa namaa kennitu inargatu. Inni dandae inhubatu, woma tokole iti imfakaatu; wonti akanatiifi nama Lubbu Waaqa qabu ch'allati dandae hubata.


Wonti nu ufi guddimnuufi tana: heregi keenna aka dansa nu beesisa, aka lafa tana keesa, keesuma jiddu teennaafi teesani, nu garaa tokooni d'uga Waaqi nu kenneefi eeba Waaqaatiini teenne, ammo qalbi namatiini inteenne.


Yo nami tokoleeni isani keesa beekha d'abe, ha Waaqa kad'atu, duuba Waaqi naaso, hifacha male waan ch'ufa namaa kenna.


Lubbuuni Waaqa akuma dansa himti, aka nami gari eegi tana d'ugefachu lakise; lubbu d'aratiifi barsiisa jinni gula yau.


Worri kunini gargari nama qooda, aka fed'i nafa worra gula iyaanne.


waan isani ammalle aka nama nafa gula deemu jirtaniifi. Hojja isani wolqot'iiftani woldiddani, wonti kunini aka isani nama lafa ka aada lafa gula fidamu ingarsiiftu?


Waaqi Ilma ufi aka wollaala namati muru lafati inergine, ammo aka nama baasuufi erge.


AABBO Waaqi waan jed'u, Gumiini tiyya raatu, nale imbeetu, worri ijoolle woma imbeenne, ta woma inhubanne, fakaata. Worri aka waan hamtu tolchu guddo iti qaro, ammo aka waan dansaa tolchu guddo iti daalle.


Jawe guddo taani gadigatani! Isiini suni bofa duri kaani, ka Sheet'ana yokhaani Jinni jed'aniini, ka lafa ch'ufa sobe. Isaafi malaika isaa ch'ufa lafati gatani.


Hayyu worra mohatu qabani; inni malaika boola qile suni qorqorattu. Maqaani isaa afaani Ebraniatiini Abadoni, afaani Grikitiini Apolioni, akasi jechaani, ka wa balleesu jechu.


Ammo isaniini kaani Thiatira keesa, ka barsiisa hamtu tana gula indeemne, yokhaani waan nami gari baddi Sheet'ana jed'uuni imbaratiini, anini baa d'ibi isani ira inkayu.


Hamaani Kaani jabeenna Sheet'anatiini d'ufe mamisa gosa heddutiifi akheekha d'ara aka heddu tolche,


Anini insodaad'a; hegeri qalbiini teesani hamaatte jaalala Kristo qulqullo lakiftani — akuma bofi Hawai malteeni sobe.


Waaqi beekhuma beekha waan nami lafa daalluma sehu fohate, aka qaro ch'eersu, ammalle waan nami lafa laaftu sehu fohatte, aka nama jajaba ch'eersu.


Qalbi qamna ufiini jed'ani, ammo daalle tahani;


waan jed'eeni, Atini ka kiyyibafi ch'ubbuuni guutamte, ilma Sheet'ana, nyaapa d'uga ch'ufaa, karaa Aabbo ka d'uga balleesu illakiftu?


Abbaani keesani Sheet'ana, ammalle d'araa abba keesani tolchu feetani. Inni haguma duriiti nama ijeesa, d'ugale woma ira inqabu, waan d'ugaani isa keesa injirreefi. Yo inni d'ara dubbate akuma ufi dubbata; wonti akanatiifi inni kiyyiba, abba d'araati.


Abbaani hojattu kiyyiba kaani maro qarooma isatiifi guddo saade; wonti akanatiifi nami waan lafa tana gula deemu nama ifsa gula deemu ira mala lafa tanaa beekha.


Bara suni mali Ahithofelini namaa d'au dubbi gara Waaqati d'ufte namati fakaata; Daudifi Absalomuni akasi d'ugeefatte gula yaate.


Daudini aka Ahithofelini goli Absalomu tahe d'ageennaani Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, mala Ahithofelini Absalomu d'au balleesi!


Duuba namicha tokoti ka jaala Amnoni jira. Maqaani isaa Yonadabu, ilma Shama oboleesa Daudi. Nami sunini guddo Malticha,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite