26 Akuma nafi lubbu inqamne duu, akasuma d'ugefachaani huji inqamneleeni dooti.
Isii, ati daalle? Aka d'ugefachaani, huji dansa tolchani male, woma imbaanne barachu feeta?
D'ugefachaani akasi, yo isiini koba jiraate, ka hujiini dansaani bira injirre, la doote.
Oboleyaani tiyya, Maani namaa baati, yo nami, Anini d'ugefacha qaba jed'e, ammo hujiini isaa ingarsiimne? D'ugefachaani suni ch'allaani isa imbaafti?
Nafi isaa biyyeeti deebie, hafuuri isaa ka jireennale gara Waaqa ka qara isaa kenneti deebia.
Atini dudda iti gaargalaani worri sodaate; atini hafuura keesa funnaani worri due biyye keesaa baheeti deebia.
Yesoni qonqo guddooni lalabe waan jed'e, Aabbo, lubbu tiyya harka kanketi lakisa! Akasi jed'e ch'iche.
Nami hafuuruma, maani keesa jira? Tanaafi maani ira gula yaatani isa d'ugeefatani?
Nami, yo lubbuuni keesaa baatu, biyyeeti deebia; guyyuma suni mali isaa ch'ufti hobaa.
Wonti akanatiifi yo nu Kristo Yeso keesa jiraanne, qabanqaba qabachafi qabachu baannaanile haga tokotu; wonti jabduuni d'ugefacha ta jaalalaani hojattu.