Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yakobo 1:27 - KITAABA WAAQA

27 Aadaani Aabbo Waaqi d'ugaafi qajeeltu jed'u tana: aka ijoolle abbaafi haad'a inqamneefi nad'eeni d'iirsi iraa due qorqoratani, ufile hameenna lafa iraa ufi d'owani.

Gade chapit la Kopi




Yakobo 1:27
36 Referans Kwoze  

Aada lafa tana jaalattani gula indeemina, ammo ha Waaqi garaa keesaniifi qalbi teesani jijiruuti. Yoosi fed'i Waaqa barattani, waan dansa, ka isa gammachiisa, ka qit'e.


Isani worra d'ugefacha inqamne! Aka yo jaala lafa tahani, nyaapa Waaqa tahani imbeetani? Nami jaala lafa tahu fed'u ch'ufti nyaapa Waaqaa taha.


Ammo yo nad'eeni d'iirsa inqamne ijoolleefi akowaani qabaatte, ijoolleeni suni qara ha aada Waaqa gula worra ufi guutu, kara kanaani worra ufitiifi akowaani ufi galata guddisa baafti, akasi ch'allaani Waaqa gammachiisani.


Ayyaana isaati ka wollaala womatu inqamne, ka Seera AABBO Waaqa gula deemu.


Wonti nu seera kana baamneefi, aka jaalalti ta garaa dansa keesaa baatuufi ta qalbi dansaafi d'ugefacha dansa keesaa baatu, mullattu.


Worri lachu Waaqa durati worra d'ugaati, wollaala male seera isatiifi aada isaa ch'ufa guutani.


Waaqi ka mana ufii qulqullooti galu, inni abba hiyyeeyi tahe haawaani isiile qorqorata.


Ayyaana worra garaa qulqullo qabu: Waaqa inargani!


Worri kanke gugurdaani nama d'ugaa dide hattu waheelchu: worri hojja ch'ufa gumbo jaalate waan nama ira nyaatu barbaada. Worri ilmaani hiyyeeyiti indubbatu, yokhaani nad'eeni hiyyeeyi dubbi isii jalaa inqabu.


Nu imbeenna aka ijoolleeni Waaqaa daba hojja ch'ufa intolchine wonti akanatiifi Ilma Waaqati isi qorqorata aka hamaani kaani dandae woma isi intolchine.


Ammo qalbiini gubba gadi d'uftu qara qulqullo, ammalle ta nagaya, ta laana, ta nama ch'aqaftu, ta naasufi mid'aani dansa qabdu, ta tuffifi kiyyiba inqamne.


Ammo, anini waan maskali Aabbo Yeso Kristo ch'alla saada; maskali tanaafi lafti gara kiyyaani doote, anileeni gara lafaatiini due.


Aka d'aloota hama kana keesaa nu baasu Kristoni maro daba keennatifi ufi baase, fed'i Waaqa Abba keennati guute.


Wonti akanatiifi yo nu Kristo Yeso keesa jiraanne, qabanqaba qabachafi qabachu baannaanile haga tokotu; wonti jabduuni d'ugefacha ta jaalalaani hojattu.


Sagaleeni tunini ta worra gosa Lawiti wonti akanatiifi worri qooda lafa inqabu: ammalle sagaleeni suni ta keessumatifi ta hiyyeeyitifi ta nad'eeni d'iirsi ira due ta dira keesaani keesa teetuti. Worri ha d'ufe nyaate quufuti. Waan kana tolcha, duuba AABBO Waaqi keesani waan isani tolchitani ch'ufa keesa isani eebisa.


Inni keessuma lafa teenna keesa teetu qorqorate, haad'a hiyyeesatiifi ilmaani hiyyeeyi qarqaare mala ch'ubbicha ch'ufa balleesa.


Nami Ilma Nama miid'u araarama argata; ammo nami Lubbu Qulqullo miid'u haga jiru jireenna araarama inargattu.


Maro Seera d'agayaniifi Waaqa durati d'uga inargatani, ammo maro waan Seeri fed'u tolchaniifi d'uga argatani.


Nama dandaani Seeraani, Waaqa durati, d'uga inhereganiifi, tuni dare inqabdu; wonti akanatiifi t'aafiini, Nami d'ugefachaani d'uga hereganiifi injiraata jetti.


Hojja suni kara lafa ka daba gula yaatani, hayyu jabeenna ka qilleensa ch'aqaftani, ka lubbu amma worra Waaqa inch'aqamne mohatu.


Eebiti sunini waan nuuni jettu, waan hamtu ka Waaqi infeenefi d'araa nafa lakisa, ufi qorqorad'a, qajeela, lafa tana keesa jireenna Waaqi fed'u keesa taa.


Nu arabaani Aabboofi Abba keennaa galata deebimna, arabuma suniini nama d'ibi abaara, ka fakeenna Waaqa gula uumani.


Kara kanaani, inni ya kakhu dansa, ta guddo wo nu baatu nuu kenne, aka eegi waan inni kakhate argattani, d'araa badi, ta lafa tana keesa jirtu, duraa baatani, Waaqa fakaattani, jireenna isaa qoodattani.


Yo nami maro Aabboofi Qarqaarsa keenna Yeso Kristo beekhufi t'uri lafaa keesaa bahe, ammo ammalle hameenni suni isa qabe dabsate, nami sunini haga qarale ira hameenna keesa jira.


Tanaafi jaalaani tiyya, ato guyya suni eeddanu, jabaad'a aka fuula Waaqa durati qit'oomtani, wollaala male nagayaani isa woliini teetani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite