Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yakobo 1:17 - KITAABA WAAQA

17 Galati dansaani ka namaa kennanifi ka namaa baasani ch'ufti gubba gadi d'ufa, fulla Waaqa, ka ifsa gubba uume. Inni injijiramu yokhaani garingalu.

Gade chapit la Kopi




Yakobo 1:17
62 Referans Kwoze  

Yohanani waan jed'eeni, Nami dandae woma inargatu, waan Waaqi kenne male.


Yo isanu ka hameenna qabdani, waan dansa ilmaani teesani kennu beetani, Abbaani keesani hagasi ira waan dansa worra isa kad'atu kenna!


Yeso Kristoni sunuma, ka kale, ka arra, ka haga jiru jireenna.


Yesoni ammalle dubbate waan worraani jed'e, Anini ifsa lafaati. Nami na gula d'ufu dukana keesa indeemu, ammo ifsa jireennaa argata.


Waaqi namaaniti, ka kiyyibu; inni namaaniti ka qalbi jijiratu inni waan jed'e inguutu? Waan dubbate intolchu?


D'aamsi nu Ilma isaa ira d'ageenne isaniti himnu kana: Waaqi ifsa, isa keesa dukanti tokoleeni injirtu.


Nami qarooma namaa kennu AABBO Waaqa, isa iraa beekhaafi hubachaani baati.


AABBO Waaqi aka aduu nuu tahe, aka wonte nu qorqorate, nu qarqaare, guddinna nuu kenne, nu eebise. Inni nama d'uga gula deemu waan dansaa tokole ind'owu.


Ammo qalbiini gubba gadi d'uftu qara qulqullo, ammalle ta nagaya, ta laana, ta nama ch'aqaftu, ta naasufi mid'aani dansa qabdu, ta tuffifi kiyyiba inqamne.


Anini AABBO Waaqa, ka injijiramne. Tanaafi, ee ilmaani Yakobo, isani qara inhobaane.


Maro eeba Waaqaatiifi isani baafama argattani, kara d'ugefacha gula. Waan isani ufiini tolfattaniiniti, ammo tola Waaqi isanii kenne.


Yoosi, yo isani nami hamamaani, waan dansa ilmaani teesani kennu beetani, maro hagami hagasi ira Abbaani gubbaa Lubbu Qulqullo jara isa kad'atu kenna?


Eentu nama d'ibi ira si guddise? Waaqati waan atini qabdu ch'ufa si kenneeyu? Yoosi, maafi ufi guddifta, aka waan waan atini qabdu ch'ufa tolaa sii inkenniini?


Jaalalti tana: waan nu Waaqa jaalannefiiniti, ammo waan inni nu jaalate, Ilma ufi nu erge, akanaani maro huji isaatiifi daba keenna nu araaramani.


Wonti anini kad'ad'u, aka qalbiini teesani banamte ifsa isaa argitani, aka isani abdi inni iti isani yaameefi eeba durooma ta inni gumi isaati kakhate hubattani,


Ifsaani d'uga, ka nama ch'ufaa ifsu, lafati d'ufu jira.


Diri ifse adutiifi jia imfed'u, waan guddinni Waaqa iti ifse, Ilmeeni Hoolaleeni ifsa taatuufi.


Ammalle AABBO Waaqi kanke qalbiifi beekha sii kennina, aka atini gosa Israeli Seera isaa gula fiddu.


Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.


Ifsa guyya ka adu deebite imbarbaadu, halkanile ifsa jiale woma ira inqabdu; ifsaani kanke ka jiru jireenna anuma, AABBO Waaqa, ifsaani guddinna kiyyaleeni sii ifsa.


Waaqi guddaani Israeli d'ara indubbatu yokhaani heregi isaa garaingalu. Inni namaaniti, ka herega garagalfatu.


Yusufuuni waan jed'eeni, Aabbo kiyya, anini himu indandau, ammo Waaqumati himaansa dansa sii kenna.


Halkani deebiani injirani, ifsefi adu imfed'ani; wonti akanatiifi Aabbo Waaqati ifse worraa taha, duuba aka hayyoota haga hegeri lafa fidani.


Yo nami tokoleeni isani keesa beekha d'abe, ha Waaqa kad'atu, duuba Waaqi naaso, hifacha male waan ch'ufa namaa kenna.


Wonti akanatiifi gatiini daba duisa; ammo toli Waaqa jireenna hegeriiti, maro Kristo Yeso Aabbo keennatiifi.


Ilma kiyya Solomoni qarqaari, aka inni hojja ch'ufa aadaafi seera kanke guute, Mana anini waan isaa kurfeese kana jaaru.


Duuba anini gabue, artiti siini dubbad'a, ammalle jabeenna lubbuu ka qara si kennele haga gari siraa fuud'e worraa kenna. Akanaani worri si qarqaare, baani worraa siti sablate, wahela argatta.


Qalbiini akana tunini fulla Waaqati ind'uftu, isiini ta lafaati, ta nafaati, ta Sheet'anaati.


Anini ifsa mid'aase dukanale uume gaargalaafi nagayale namaatiini d'ufa. Waan kana ch'ufa ana AABBO Waaqa tolcha.


Ayyaana keesani ka, Kristo d'ugefad'a ch'alla isaniini injenne, ammo, Maro isaatiifi gaargala isaniini jed'ani.


Waan kana d'ageennaani dubbi isaa quufani, Waaqa faarsani waan jed'ani, Waaqi gosa d'ibile ya daba iraa deebise jireenna kenneefi.


Waaqi la harka mirgicha ufitiini isa guddise, aka inni Gudda keennafi Qarqaarsa keenna tahe, gosa Israeli daba iraa deebise araarama worraa kennu.


Anini duriyu waan takaa tana taha fage; haguma duriti waan lafti taatu hime. Anini waan jed'e, mali kiyya inhanqatu wonti anini herege guutamtu male inteetu.


Kara inni huji tana ch'ufaani hojate Waaqumati garsiise.


Yerusalemuu nagaya kad'ad'a waan jettani: Nami si jaalatu ha woi horatu.


Ufi eegad'a aka ilaalacha keesa seentani waan gubbati gartani adu jia, yokhaani Urjiifa guddiftani kad'atani inhojanneefi. AABBO Waaqi keesani yayu waan kana biyya taani d'ibii kenne, aka worri kad'atu.


Jennaani AABBO Waaqi dumansa keesa gabue isaani dubbate, jabeenna lubbu qara isaa kenne haga toko iraa fuud'e, jaarole torbatama taani qoode. Lubbuuni ira bute jennaani worri haga gababa toko aka raaga iyye.


AABBO Waaqi hormaata nu kenna, lafti teennaleeni sagale guddo baafti.


Ammo atini sunuma, ganni kankeleeni inhobau.


Inni aduufi jia uume, jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu;


Yesoni waan jed'eeni, D'uguma, waan anini siini jed'u, Yo nami maro lameeso d'alate male, dandae Finna Waaqa inargu.


Nami indoone isa ch'alla; inni ifsa nami iti d'ufu indandeenne keesa taa. Nami tokoleeni taka isa ingarre, tokoleeni dandae isa inargu. Ulfinnafi jabeenni ka isaa tahinna, haga hegeri! Amini.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite