Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 6:8 - KITAABA WAAQA

8 Ammo AABBO Waaqi ammalle Nuhu maache guddo iraa gammade.

Gade chapit la Kopi




Uumama 6:8
23 Referans Kwoze  

Atini guddo na jaalatte lubbu na baafte. Gaareeni suni guddo fago, ato achi ingeenne beelafi d'eebuuni dua.


Tanaafi jabaanne, barch'uma Waaqati d'ufu male, fulla eebiti jirtu. Achiti naasufi eeba arganna, ta hojja nu d'iba qabaanne nu qarqaartu.


Malaikaani waan jetteeni, Mariamu, insodaatini, Waaqi ya si eebise.


AABBO Waaqi aka aduu nuu tahe, aka wonte nu qorqorate, nu qarqaare, guddinna nuu kenne, nu eebise. Inni nama d'uga gula deemu waan dansaa tokole ind'owu.


Wonti akanatiifi Waaqi ya eeba ufi, maro baafama nama ch'ufatiifi, mullise.


Ammo maro eeba Waaqaatiifi anini akuma jiru jira, eebiti inni naa kenne ufumaa imbanne. Ammo, anini ergattu ch'ufa ira jabaad'e hojad'e, ato waan anini ufiini tolche tahu d'ibaatele, ammo eeba Waaqaati na keesa tolche.


Yo atini waan kana tolchite, Waaqafi namileeni sii eebise siraa gammada.


Inni nama isa jaalatu ch'ufa imbaasa, ammo ch'ubbicha imballeesa.


Nami huji hojatu hori nyaata; horiini suni galataaniti, ammo waan inni hojate argate.


Inni Waaqa durati eeba argate, ammalle Waaqa kad'ate waan jed'eeni, Aka anini Mana Waaqa Yakoboti ijaaru na tolchi jed'e.


Nami dansaani AABBO Waaqa ira eeba argata, ammo inni nama waan hamtu namati malatu wollaala iti mura.


Waaqi lafa duri akanumati illakimne, ammo lafa worra Waaqa insodaanne bokaa gudda iti roobe fach'aani balleese; nami inni baase Nuhu ka d'uga barsiiseefi nama torba d'ibi.


Nami na argate ya jireenna argate, nami akasi suni eeba AABBO Waaqa iraa argata.


Wonti AABBO Waaqi jed'u tana: Nama woraana jalaa bahe anini lafa gamoojiti naheefi. Gaafa gumiini Israeli guddo boqochu feete,


Aabbooni aka inni Guyya suni naasu Aabbo iraa argatu tolchiinna! Atini waan inni Efeso keesati naa tolchele akuma dansa beeta.


Ammo Waaqi, eeba isaatiini, ato anini ind'alatiini na yaame na fohate, aka anini isaa hojad'u.


Fohachaani isaa waan naasu isaati, waan worri ufiini tolfateeniti. Yo fohachaani Waaqa waan nami tolchu barbaadde, yoosi naasuuni isaa d'uganiti.


aka maro eeba isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne jireenna hegeri ka nu abdannu argannu.


D'ufiisi Ilma Nama aka gaafa Nuhu taha.


Akuma bari Nuhu jiru, bari Ilma Namaleeni jira.


Lubbuuni tuni ta worra Waaqa ch'aqasu dide, gaafa inni, ato Nuhuni hobolo jaaratu obsaani eege. Nama saddeeti ka hobolo keesa jiru ch'allati bahe.


Ato Nuhufi Danielifi Ayubu, jari kunini saaddeeni achi jiraatele, dansumti worraa worruma ch'alla baafti. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite