Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 49:9 - KITAABA WAAQA

9 Yudaani kuble nyeench'aa fakaata, ta bineensa nyaatte kaate biraa deemtu. Yo isiini dirirfatte ch'iiftu, eentu dandae kaasa?

Gade chapit la Kopi




Uumama 49:9
11 Referans Kwoze  

Worri janna nyeench'a ka wa gaadu fakaata; hojja inni rafu eentu dandae kaasa? Nama Israeli eebisu ineebisanifi, ka abaaru inabaarani.


Jennaani jaarsi toko waan naani jed'e, Imbohiini, ilaali! Nyeench'i gosa Yuda, ka d'aloota Daudi, ya dabsate, inni beesisa torbaani ch'abse woraqata banu indandaa.


Gochiti Israeli aka janna nyeench'a jirti: Isiini haga gargari tatarsaafte nyaate hobaafte waan ijeefte ch'ufa d'iiga d'uduti gadi inch'iiftu.


Ammalle worri gosa taani keesati hafe nyeench'a sagale raasa keesa yokhaani fulla reeni ooltu keesa barbaadu fakaata: inni ree keesa seene iti ch'ee qabe nyaate fit'a — nami tokoleeni ka dandae iraa baasu injiru.


Anini worra Israelitiifi ka Yuda aka nyeench'a had'a. Anumati worra gargari tatarsaase biraa deema. Hojja anini lafa ira worra hirkisu, nami na d'owu injiru.


Isiini eegaa d'at'e ufi jibbannaani, kuble isii d'ibi guddifte, kubleeni suni guddate, nyeench'a hama taate.


Gaafa muummeeni d'uftu Kristoni hayyootafi jabeennaafi humna ch'ufa dabsateti Finna ch'ufa harka Waaqa Abbati kenna.


Hujiini hamtuuni worri hojate worra Waaqaati deebiu d'owarti. Worri sharmut'oma ch'alla gula bahe AABBO Waaqa wollaala.


Waan gosa Gadi inni akana jed'e: Nami gosa Gadi lafa guddo kenneefi ha eebifamu. Gochiti Gadi aka nyeench'aa gaade kurfefate, aka harkaafi gube mataa tarsaaftu.


Barch'umani suni faano jaa ta yaabatanini qaba, ammalle fulla miila ira d'aabatani ta worqiini ch'okhani iti tolchani. Ammalle barch'uma suni fulla harka ira keyataniti gama lachu jira. Akheekha nyeench'ale gama lachuti mid'aasani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite